header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

688: Dilii irraa akkamitti tawbatan?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Namni tokko dogongoree daangaa Rabbii yoo cabse, ifuma isaatii karaa Rabbiitti deebi’a moo, nama biraatitu akka nama Islaamummaa haarayatti nama qabsiisutti isa deebisuu qaba?

 

 

Deebisaa: 1ffaanNamni tokko islaamummaa seenuu yoo fedhe osoo nama hin eegin ifumaa isaatii shahaadaa qabatee islamummaa seenuu ni dandaha. Namnis yoo shahaadaa isa qabsiise rakkoo hin qabu.

2ffaa Namni badii dalagee daangaa Rabbii cabse ammoo, ifuma isaatii towbatee kara Rabbii isaa deebi’a malee, abalu koottu towbaa naqabsiisi jechuun isarra hin jirtu. Sumatu Karaa Rabbii keetii towbaa deebi’ee kadhata.

 

Dr.Liwa’ul Islaam

 

Deebisaa Ulamaa’ii Biyya Alaa

Rabbiin –Subhaanahuu Wa Ta’aalaa-akkana jedha:

 

“Jedhi: Yaa Gabroottan tiyya! (dalgaa hamtuu fi dilii hojjachuun) warra nabsee teessanitti daangaa dabartan! Rahmata kiyya irraa abdii hin muratinaa! Dhugumatti, Allaah’n dilii hundaa dhiifama namaaf godha. Dhugumatti; inni araaramaa fi rahmata godhaadha” [al-Zumar 39:54]

 

“Yaa Warra amantan! Towbaa qulqulluun gara Rabbii deebi’aa!…” [al-Tahreem 66:8]

 

Aayatoota lameen kana irraa wanti hubannu kan jalqabaa-Dilii hundaahuu Rabbiin kan namaaf araaramu tahuu. Kan lammataa ammoo akka Rabbiin namaaf araaramu haal dureen kaahame, Towbaa qulqulluu onnee irraa taateen gara Rabbiitti deebi’uudha.

 

Towbaa qulqulluu jechuun: dilii dalagaa turan san dhiisuu, dilii duraan dalagaa turan saniif sheenahuu, lammata kan itti hin deebine tahuudhaaf onnee irraa murteessuudha. Kana ammoo kan godhaaniif Rabbiin irraa mindaa argachuu fi qixaaxa isaa jalaa bahuuf yaadamee niyyaa qulqulluun tahuu qaba.

 

Badiin dalagan ilma namaa biroo irratti qabeenya isaa fudhachuu, dhiiga dhangalaasuu, maqaa xureessuu fi kkf yoo tahe ammoo, haqa nama sanii deebisuu fi yookaan ammoo dhiifama isa gaafachuun dirqama. Nama tokko kabaja isaa diqqeessanii fakkeenyaaf hamiidhaan, yoo ammoo dhiifama gaafachuudhaaf hin danda’amin, heddummeessanii du’aa’ii isaaf godhuufi bakka inni hin jirretti bakka isa itti hamatan sanitti, waan gaarii inni qabu dubachuun barbaachisaadha.

 

Haatahuu garuu diliin dalagan guututti tan islaamummaa keessaa nama baaftu yoo taate, irra deebiin shahaadaa qabachuun dirqama.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 603

Kanas dubbisi!

670: Nama ibaadaa hin qabne waliin jiraachuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. An intala dhala takkan dhungadhe dhungon isii sun harara nati tate yero hundda yeron bira dhaqu dhungadhu male hin demu akkamitti ha dhisuu akkamitti ha towbadh

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button