header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

714: Hukmiin Dubartii Qabeenya Jaarsaa Karaa Mana Murtiitiin Walakkaa Qoodattee Maali?

  • Home
  • Haqa Namaa
  • 714: Hukmiin Dubartii Qabeenya Jaarsaa Karaa Mana Murtiitiin Walakkaa Qoodattee Maali?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Dubartiin takka jaarsaan wal dhabdee mana murtiitti himattee, qabeenya isaa kan isiin homaa keessaa hin qabne yoo qooddatte, Inni gubboo kafalee haqa isaa deebifachuu danda’aa?

 

 

Deebisaa: Yaa Gabricha Rabbii, atis dubartiinis, erga wal fuutaniin booda haqa walii eeguun dirqama. Intalti muslimaa takka, abbaa manaatiin yoo wal dhabde, haqa yoo qabaatte haqa ofii kan akka Mahrii fi kan biraa fudhattee na gad dhiisi jechuu mirga qabdi. Garuu yeroon ammaa mirga dubartootaa eegdi jechaa Mana murtiitti jaarsa himatanii, qabeenya isaa qooddachuun haraami. Kanaafuu inni haqa isaa kan seera jallataatiin dhabe deebifachuudhaaf jecha, gubboo kennuun rakkoo hin qabu. Gubboon waan haqa kee hin ta’in dharaan fudhachuuf yoo kennite dhoorkaa ta’a.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

 

Fatwaa biyya alaa

 

Kan duraatii muslimoonni dhimma isaanii mana murtii nam tolcheetiin hiikkachuuf yaaluurraa of qusatuu qabu. Seera fi heera Qur’aanaa fi Hadiisaa hordofuun jiruu keenya kan addunyaatii fi xumura keenya kan aakhiraatiif haalaan barbaachisa. Murtiin hundi kan Rabbii qofa.

 

Qabeenyi abbaa manaa haga lubbuun jirutti kan abbaa manaati. Qabeenyi dubartiitis kan isii qofa. Yoo walii galanii walii kennan rakkoo hin qabu. Fakkeenyaaf mana ijaaree manni kun keeti yoo jedhe, ykn ammoo meeshaa biteefii meeshaan kun keeti yoo jedheenii isiif kenne qabeenya isii ta’a. Waan saniin alaatiin, qabeenya isaa karaa seera nam tolcheetiin qooddachuun haraama.

 

Kan lammataa namni haqni jalaa miidhame haqa deebifachuudhaaf gubboo kennuu ni danda’a. Akka walii galaatti gubboo kennuun dhoorkaadha. Garuu namni haqni isaa miidhame, haqa isaa san deebifachuudhaaf yoo mallaqa warra aangoo qabutti kenne dhoorkaa hin qabu. Garuu gubboo fudhatuun haraama.

 

Dhimma gubboo kennuu irratti wanti lama xiyyeeffannaa keessa galuu qaba. Kan jalqabaa gubboo san haqa kankee fudhachuudhaaf ykn ammoo hamtuu sitti as deemaa jirtu ofirraa deebisuudhaaf kan kennitu ta’uu qaba. Waan haqa kee hin ta’in ykn nama miidhuudhaaf gubboo kennuun dhoorkaadha. Akkasumas namicha fudhatuufis haraama ta’a. Kan lammataa karaan haqa kankee ittiin deebistu kan biraa yoo dhabameedha. Gubboo kennuun dura maloota jiranitti fayyadamuun dirqama. Osoo karaa sirriitiin hin yaalin ol ka’anii gubboo kennuun hin ta’u.

 

Shiekh Saalih Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 542

Kanas dubbisi!

721: Namni tokko mallaqa na bira kaayatee dhabame, akkam godhuu qaba?
710: Namni tokko yoo maraate horii isaa fayyadamuun danda’amaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. Anii amma jaartin tiyya walumaan dachii binee mana ijjaare turee amma garuu adaan baane aniis fudhee ishiniis heerumtee garuu mannii akkasumati jirraa naa biraa jidduu takka qilleensi qorqooroo irraa fudhee mee naa gargarii jayane qorqooroo irratti debifna najala didee bilbila cufatee anni biyya jirraa ishiin saudiarabiya jirtii mana kana anuma waccii itti baase tolchaa jirraa amma haqaa kiyyaa naaf keeni jeetee hayaa jaheen dhiyoo kana waggaa tokko duuraa kuma dhibba 200 naaf keeni jeetee hayye jaheen yoo rabbin Magaalaa itti fidee gurguramee amma Magaalaan itti dhufaa jirtii mallaqa kana dhibbaa lameen sanii kennaaf moo wanumaa mannii baase adaan qodaana annis amata heddu eegaa jirraa manaa dirqama waal qixxe adaan bahuu qabna moo wanuma jette kenaaf?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button