header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

716: Dubartiin jaarsaan na hiiki yoo jetteen diliin isii maali?

  • Home
  • Bultii
  • 716: Dubartiin jaarsaan na hiiki yoo jetteen diliin isii maali?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Dubartiin takka abbaa mana isii hiikkaa yoo gaafatte Jannanni isii irratti haraama jedhan. An garuu rakkinna keessa jiru irra dhaabbadhee abbaa manaa kiyya hiikkaa yoo gaafadhe diliin tiyya maali?

 

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii. Hiikkaan halaali. Halaala sanirraa immoo irra jibbamaadha. Jibbamaa tayullee hiikkaan wanni godhamteef furmaataafi. Namni Lama haala jiruu walitti hadheessuun waliin jiraachuun rakkinna jabaadha. kanaaf Rabbiin hiikkaa furmaata godhe. Kanaafuu Yaa gabrittii Rabbii haala mana kee keessatti inni rakkinna jabaa sirratti hojjatuun hiikkaa gaafatuun kee waa takkallee rakkoo hin qabu. Garuu rakkinna malee akkanumaan hiikkaa gaafachuun Dilii gurguddaadha.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

 

Fatwaa biyya alaa

 

Sababa quubsaa fi fudhatamaa ta’een maletti intalti abbaa manaa isiitiin na hiiki jechuun dhoowwaadha.

 

Sawbaan (Rabbi irraa haa jaalatuu) akka gabaasetti, ergamaan Rabbii Sallallaahu Alayhi Wasallam akkana jedhan, “Dubartiin takka abbaa manaa isiitiin sababaa ulfaataa takkaan maletti na hiiki yoo jetteen, hafuurri jannataa isii irratti haraama ta’a.” (Sunan Abu Daawud 2226)

 

Jechi, “Sababaa ulfaataa” jedhu sirritti xiyyeeffannaa argatuu qaba. Jiraachuun ulfaataa yoo ta’e hiikkaa gaafachuun rakkoo hin qabu.

 

Namni sun nama amantii laaffisu yoo ta’e nama ibaadaa hin goone yoo ta’e, nama dubartii biraa wajji waan haraama keessa seene yoo ta’e, dirqama isa nama bahu yoo hin taane, fedhii haadha warraa isaa gama hundaan kan hin guunne yoo ta’e, hiikkaa gaafachuun rakkoo hin qabu.

 

Shiekh Saalih Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 4
Views: 1466

Kanas dubbisi!

724: Obboleessi Jaartii Tiyyaa Hedduu na Jibba. Akkam godhuu qaba?
679: Haadha Warraa Dhungachuun Wuduu’a Namarraa Diigaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button