header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

99: Ilmi haadha heerumsiisuu ni dandayaa?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Bakka abbaan hin jirretti, takkaa abbaan addunyaa irraa yoo deeme, ilmi haadha isaa heerumsiisuu ni danda’aa?

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, namni dhalaadhaaf rahima ta’u nama kudha tokko. Kudha tokko keessaa cimaan jajjabaan nama shani.

  1. Abbaa
  2. Nama abbaan bakka buufate
  3. Akaakoo
  4. Ilma (Yoo achi dura heerumtee ilma dardara qabaatte)
  5. Obboleessa
  6. Adeera/Abbeeraa

Tanaaf jecha ilmoon haadha heerumsiisuu ni dandaya. Akkuma san obboleettii teenya Ummu Suleeymi haadha Anas ibnu Maalik, ilma isiitu nikaaha godhe. Akkuma san Ummu Salamaa (RA) ta Nabiin keenya ? fuudhe isiillee ilmatu kenne. Bakka abbaan  hin jirre, bakka akaakoon hin jirre, bakka namni biraa hin jirretti ilmi nikaaha godhuun ni taha. wanni hangas takka tolaatuu hin jirtu.

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 472

Kanas dubbisi!

104: Ani fira hin qabuu akkamittiin hajjii godha?
80: Ilma Adeeraa ka jaartii qabu wajjiin Hajjii godhuun ni taatii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!
Back to top button