header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

44: Jaarsi hiikee je’ee deeffadhe jechuu ni dandayaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Jaarsi kiyya na hiikee, eega guyyaa sadiitii si deeffadhe naan je’e. Duuba raja’tuun inni naan je’e sun bakka jirti moo bakka hin jirtu?

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, fuudhaafi heerumni, hiikkaan akkkasumas wanni ahkaama shariaa keessatti dhufu cuftinuu si’is gurbas hin laaltu. Wanni ati beekuu qabdu hiikkaan harka gurbaa jirti, iddaa lakkaawwachuun harka kee jirti. Yoo gurbaan si hiike je’e hiikkaan tee tun hiikkaa tamii addaan baafadhu. Namni eega walitti dhufee yeroo duraatiif yoo wal hiike baatii sadii qaba. Baatii sadeen keessatti gurbaan osoo raja’tu hin je’in, yoo baatiin sadeen dhumte, isin ammoo walitti deebi’uu feetan, nikaaha haarayaafii mahrii haaraya, ammas lammeessa si hiika, hardhas guyyaa sagaltama qabdan; baatii sadi jechu. Baatii sadeen kana keessatti yoo raja’tu je’e, ati jaartii isaati. Taraa duraatiif ta lammeessaa keessattis ati mana kee keessaa bahuu hin qabdu. Rabbiin manarraa hin baasinaa je’e. Mana kee keessatti haga baatii sadeen sanii jaarsa kee wajjiin rafuu hin dandeessu, nyaata godhuu, huccuu isaa miicuu, mana kee tajaajilachuu ni dandeessa jechu; waan inni ammoo raja’tu siin hin je’iniin isaa wajjiin ciisuu hindandeessu. Yoo ammas baatiin sadi dhumte yoo walitti deebi’uu feetan nikaaha haarayaafii mahrii haaraya. Gurbaan kun si deeffatee yoo ammas si hiike je’e gaafa kana mana san hin bulinii achirraa bahi. Jaarsa kee kanaan walitti deebi’uu hin dandeessan. Ta amma gaafatte tun raja’aan gurbaan si deeffadhe siin je’e bakka jirti. Eega raja’tu siin jechuu gurra kankeetiin dhageette jaarsi kee si deeffatee tanaaf jecha karaa hukmii shariaa deebi’i. Yoo adda bahuuf fedhii qabaatte ammoo takkaa karaa mahkamaatiin /mana murtiitiin, takkaahuu mahrii isaa waan siif godhe deebisiifii qulqulliin na hiiki je’iin.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 314

Kanas dubbisi!

45: Mallaqa kiyya jaarsa kiyyatti kennuu dirqama qabaa?
36: Abbaan warraa kiyya si wajjiin jiraachuu hin fedhu naan je’aa maaliin godha?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button