Gaafii: Jarri salaata Rabbii hin fardeessanii akkuma fedhanitti salaatan. Hoggaa namni isaanitti dhufe garuu ummata kanaan wajjiin ni salaatan. Nudura dabranii nuun salaataanii an ammoo wajjumaan itti hidhadhaa, itti hidhachuun kun akkami?
Deebisaa: Jarri ati himtu kun yaahuudas hin jennee nasaaras hin jennee salaata hin fardeessanii akkuma ofii fedhanitti salaatan jette. Ummanni kun Muslima je’aman. Garuu daandiin isaan irra jiran daandii nifaaqati; daandii faasiqummaati. Tanaaf jecha salaata namni akkasii namaan salaatuun salaata kee qeebalamiinsa hin dhoorku. Ummanni sahaabaa Hajjaaj ibnu Yuusuf saqafii damiina warra xaa’if ka ummata sahaabaa meeqa fixe boodaanuu numa salaatanii tana hin irraanfatin. Waan dandeessuun nasiihaa yaadiif. Ummata akkanaa garuu karaa yahuudaafi nasaaratti hin lakkaawin.
Dr. Liwaa’ul Islaam
As Wr wb alhamdulillah baga keenya taatan jechaa wanti ifa naaf hin taane sujuda sahwiin salataa guutuu ni taasisa?