header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

161: Anbiyoota meeqatu Aadamiifi Nuuh jidduu jira?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Anbiyoonni nama meeqaatu abbaa keenya Aadamiifi Nuuh jidduu jira?

 

Deebisaa: Abbaan keenya guddaan Aadam anbiyoota irraa abbaa anbiyootaati. Akka warri seenaa jedhutti abbaa keenyaafi Nuuh jidduu amata kuma tokko ergamootaafi anbiyoonni tokkolleen hin jiran. Seenaa keessatti nabiyyallaah Nuuh Aadam lammeessaa jedhama. Aadam lammeessaa wanni jedhaniif gaafa xuufaan dhufee namni addunyaa tanarraa haxaawame, waa cufarraa kormaafi dhaltuu fuudhee jiruun namaa akka haarayatti achi booda eegalamte. Tanaaf Aadam lammeessaa jedhaniin. Nabiyyallaah Nuuhiifi abbaa keenya Aadam jidduu anbiyoonni jiraachuu an gama kootiin daliila tokkollee itti hin agarre. Walumaagalattuu wanni mama hin qabne namni dura addunyaa tanatti Rabbiin ergaa godhatee maqaa nabiyyummaas qabaatee risaalaa bakkaan gahutti ergame Nabiyyallaah Nuuhi.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 11
Views: 1020

Kanas dubbisi!

523: Fiilmii qissaa ambiyootaa laaluun ni danda’amaa?
04: Ambiyoota Meeqatu Ergame? Garaagarummaan Nabiyyiifi Rasuulaa Maali?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button