header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

235: sujuuda irraanfachuun akkam?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii:  Namni tokko sujuuda tokko irraanfatee yoo irraa ol ka’e, eega ol ka’ee ammoo yoo yaadate maal godhuu qabaa?

 

 

Deebisaa:   Waa hunda dura wanni nuti beekuu qabnu salaata keessa waa lamaatu jira. Rukniifii waajibaatatu jira. Waajibaatni saddeeti, waa saddeeti keessa yoo waa keessaa dhiifte salaanni kee akka sirraa hin banne ka godhu Sujuudassahwii;  osoo hin salaammanneen duratti sujuuda lama. Yoo wanni ati dhiifte ruknii taate, rukniin salaata keessatti waa kudha afurii kudha afran keessaa ta dhiifte san yoo deebitee fuute malee salaanni kee bade. Sujuuda lammeessaadhaa yoo dhiifte gad deebitee teessee sujuuda san sujuuddee olkaatee aakhira salaata sanii irratti Sujuudassahwii lama sujuuddee salaammachuu qabda. Yee eega salaammattee yaadatte sujuuda dhiifte san akka ulamaa’iin murtii godhanitti raka’aa zaa’idaa jedhaaniiti fakkeenyaaf salaanni kee afuri takkaahu sadi oluma kaatee raka’a biraa haarawa tokko Allaahu Akbar jettee raka’aa tokko haarawaan dhuftee Faatihaa qaraatee rukuu’a gootee sujuuda lamaan walitti dhaabdee sujuuddee achi boodaan attaahiyyaata teessee osoo hin salaammanne Sujuudassahwii ufirraa sujuuddee salaammatta. Sujuudassahwiin bakka rukniidhaa hin dhaabbattu waa lamaan kana addaan baradhaa.

 

 

 

Dr.Liwaa’ulislaam

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 63

Kanas dubbisi!

238: Janaabaa osoo hin dhiqatin Salaatuun ni tahaa?
219: Bishaan dhaliinsa dura dubartii irraa bahuu Salaataa fi Soomana ni dhoorkaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button