header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

266: Ramadaan keessa dubartii isaatiin wajji rafe jaartii isaa irrallee kaffaaratu jiraa?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Namni tokko yoo Ramadaan keessa dubartii isaatiin wajji rafe jaartii isaa irrallee kaffaaratu jiraa?

 

 

 

Deebisaa: Hadiisni kun hadiisa ulamaan irratti waldhabani. Namni tokko yoo jaartii isaatiin wajjin guyyaa ramadaan rafe halkan humaa hin qabu, shari’aan islaamaa waan jettu, gabrittii bilisa baasii jedha. Gabrittii barbaaduu qaba yoo gabritti ijibbaatanii dhabani ji’a lama soomanu. Bultii jahaatamaa ka guyyaa takka addaan hin kutne. Ulamaan gariin wanni jedhan yoo jaartiin inni wajjiin rafe tuni haati manaa isaa uffattee urgeeffattee isallee tattaphachiiftee sababaa itti taate, isiinillee waliin haa baaftuu jedhan garuu daliilli hin jiru. Yoo innummaan dirqiin isii rakkise ka isiin dhoowwattee dadhabde isii irra humaa hin jiruu jedhan. Rasuulli Rabbii ? namitichi dhufee ani bade halaakamee guyyaa Ramadaanaatiin jaartii tiyyatti dabree jedhe san jaartii isaa irraa Rasuulli hin dubbannee isumaan ufirraa baasii jedhe, kanaafuu tartiibni isii akka ulamaan dubbatanitti akkana fakkaata.

 

 

Sheik Alii Jimmaa

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 507

Kanas dubbisi!

289: Abbaan kiyya farsoo akka dhiisu gorse dadhabe, maaltu mala
230: Dhiiraa fi dhalaan eega Zinaa walirratti dalaganii booda wal fuudhuun ni tahaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button