header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

362: Intalti butamtee hamtuun itti dalagamte akkam?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: intala takka yoo namni butee fedhinnaan maletti hamtuu itti dalagan intala san maaltu irra jira?

 

 

 

 

Deebisaa: intalti dhalaa takka hoggaa butaniin takkaayuu bakka isiin mana dhayxutti hulaa itti cufatan haga dandahutti harka siif hin kennin odoo du’attillee geeyseeodoo haala san irrattillee ka duutu taatee , maal jedhe nabiin keenya ? ‘man qutila duuna irdihii wo maalihii fahuwa shahiidun hadiisa abii daawud keessatti akkana jedhe nami tokko dhiiga isaa irratti , diin isaa irratti aqiidaa isaa irratti islaamummaa isaa irratti horii isaa irratti worra isaa irratti naamusa isaa eeggachuu irratti yoo du’ellee namni sun shahiida haga dandeessutti iyyiinsaan haa tahu, fedhinnaa jaalala itti hin mul’ifatin yoo haala sanitti hamtuu itti dalagan humnaan waa takka na dhiisutti hinjiruu , rabbii isii irratti shakkartee araarama kadhachuu taati malee iqaabni akka dhiira irratti jiruu isii irraa kufe jechu, akkuma san intalti dhalaalleenyoo kaatee gurbaa tokko masalan biyya oroppaa fi ameerikaa keessatti fa’a dhalaan shugguxii qabdi yoo dhalaan tun boojitee akka dhiirti dhalaa gootu san dhalaan ka dhiira gootu taatellee akkasuma haga dandahutti na ajjeesaa malee abadan ani zinaa hin godhu jedheetuma ifirratti haa lolu, gaafa immoo lubbuu isaa tana jaalalaaf harka kennuu , du’a irra jiruu filate rabbiin ni beeka niyyaa isaatii isa irratti humaa hin jiruu . rabbii isaatiif galata galchee araarama kadhatuu qofa malee wonni silaa nama dardaraa irraa homaa isa irra hin jiru

 

Dr Luwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 170

Kanas dubbisi!

363: zinaa dalaguu fi ilmoo ifirraa baasuu kamtu irra laaftuudha?
361: Sagaggaalummaan hukmii shari’aatti akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button