header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

379: Sadeeniin si hiike jedhee deeffachuu ni dandayaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: namni tokko yoo jaartii isaatiin ani sadeeniin si hiike jedhe deeffachuu ni dandayaa?

 

 

 

 

Deebisaa: ee ni dandaya . Sadeen inni afaaniin jedhu suni sadi afaaniin jechaan sadi jedhe malee takkuma jedhamti . maaliif yeroo takka keessatti jechu hiikkaa sadi akkumaa armaan dura dubbannetti hiikkaa yeroo adda addaa ta’uu qabdi . tanaaf jecha baatii sadi keessatti odoo hin dabarre odoo baatiin sadi hin dabarre guyyaan sagaltama odoo hin dhumne deeffachuu dandaya. wonni hukmiin shari’aadhaa waan kana gooteef maalii yoo ka jennu taate baatii sadeen kana maaliif kenniteef “la’allallaaha yuhdisu ba’ada zaalika amraa” jedhe rabbiin keenna laali. Intala takka namni kun hoggaaniifin feetu isiin tun cinqitee na hiiki jettee hiite takkaahuu innummaan arra hoggaa rizqiin woyyooyteef intala takkatti mataa ol fudhatee  intala rabbiin gaarii kenneef takka hiike baatii sadeen tana keeysatti if mari’ata , yeroo kophaa ciisu inninis woma yaada, intaltilleen yeroo kophaa baatii sadi kana keeysatti jiraattu  sa maaliifin hiikkaa barbaadaa kaniin ganaa heerumus dhiirumaa kanuma ganama irraa wolitti dhufne wol baranne kana bira jiraachuun naa woyyinaamii  jettee la’allallahu yuhdisu ba’ada zaalika amraa jedhuuf sheenaan dhufuutti malaa jedha. Tanaafi gurbaan duuba wonni keessaa argamte baatii sadeen kana keessatti si deeffadhee jedha. Deeffachuunis akkuma rabbi ” wo’ashiduu zaweey’adli minkum “jedha rabbiin . Namoota haqa ilma namaa beekan hayyoota aqlii qabu manguddoo irratti ragaa godhaa jedha . Garuu ammoo ragaa godhachuun waajibaa miti daliilli kanaa hadiisa abdellaa ibnu umar gaafa abdellaa ibnu umar umar ibnu khaxxaab ilmi isaa jaartii hiikee amiirul mu’uminiin umar ibnu khaxxaab nabii rabbiitti himee abdallaan akkanatti hiike jennaan  “murmu fal yuraaji’aa” dhaqiitii deeffadhu jedhan jedhiin amma kuni  maal jechuu? deeffachuu ni danda’a ifumaan raaji’atu si deeffadge jechuu abbaan ni dandaya malee bakka kanatti ragaa godhachuun waajibaa mitii jechu

 

 

Dr. Liwaa’ul Islam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 314

Kanas dubbisi!

380: Hiikkaan isa keeysatti dhalaan deeffachuu hin dandeenye ni jiraa?
378: Jaarsaa jaartiin wol hiikanii mana tokko kheeysa jiraachuu dandayuu?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button