header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

465: Haqa haadha tiyyaa abbaa kiyyarraa fudhachuu danda’aa?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Haati teenya addunyaa irraa deemtee jennaan abbaa keenyaan haqa Haadha teenyaa nuuf kenni jennee karaa manguddootiin gaafannee irraa dhabnee, karaa mangistiitiin gaafadhu naan jedhanii karaa barbaachisutti gaafannee haqa haadha teenya sani irraa fudhanne. Karaa kanaan haqa keenya irraa fudhachuu kanaaf abbaan keenya nutti mufatee jira kanaaf wanni narra jiru maal?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Dura wanni beeku qabdu Haati tee addunyaa yoo ufii hortee kophaa lafaa qabaattu taate haqa keeti. Ammo wanni ati abbaa kankee irraa barbaadde horuma abbaan kankee haadha teetii godhe, ooyruus ooyruu inni gaafa duraa inni kenneef yoo taate, wanni ati abbaa kankee karaa mana murtiitiin gaafatte sun horii haadha teetiitii miti sun horuma abbaa keetiiti. Wanni hardha mangistiin siif murteesse kun yoo abbaan kankee addunyaa irraa deeme waan abbaa keetii keessatt deebitee akka hukmiin shariyaa isinii haqa godhatetti obboleeyyan tee ta biraa wajjiin hirachuudha qabdan.

 

Dr. Liwaa’ul Islam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 245

Kanas dubbisi!

476: Maatiin Intalaa gabbara malee sii hin kenninu yoo jedhan isiin maal godhuu dandeessi?
368: Iintala takka namni isii nikaha godhuu dandahu nama meeqa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button