header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

519: Islaama dhiisanii kaafira wojjiin jiraachuun danda’amaa?

  • Home
  • Aqiidaa
  • 519: Islaama dhiisanii kaafira wojjiin jiraachuun danda’amaa?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Namni lama ka islaamaatiif namni tokko ka kaafiraa yoo bakka tokko ka jiraatan taate; yoo namni islaamaa sun xiqqasho nama wallaalaa ta’e yookaa gama aqliitii nama dadhabaa yoo ta’e; namni islaamaa ka lammaffaa suni isa islaamaa kana ufirraa dhiisee ka kaafiraa sani wajjiin jiraachuu ni danda’aa?

 

 

 

 

Deebisaa: Hin danda’amu. namni islaamaa tokko nama islaamaa dhiisee nama kaafiraa godhachuun hin barbaachisu haraama. Inumaa waan diinaa islaamaa madeessattu keessa jirti jechu. Nama islaamaa tokkoof halaalaa miti obboleessa islaamaa tokkoon ooduun guyyaaa sadii oli. Namni islaamaa tokko nama kaafiraa jaalallee godhatee maxxanfatee namicha islaamaa sani jibbansa muldhisuufiin haraama. Inumaa waan diinaa isaa madeessee diinaa isaa keessaa baasuu malu fa’a. Kanaafuu hammaatullee ka islaamaa san maxxanfadhu isa jaaladhu isa san wajjiin jiraadhu. Wanni Rabbiin jedhu yaa warra Rabbitti amanee hoo yahuudaaf nasaaraa(kiristoo) jaalallee hin godhatinaa jedha. Maaliif jennaan gariin isaanii gariidhaaf jaalalleedhaa. Namni isaan maxxanfatee jaalallee godhatee isaan jaalatee isaan wajjiin islaama jibbe isaan irraa tokkoo.  Diinaa isaanii fudhataa jechu. Rabbiin SW zaalimtoota hin qajeelchu.  Kanaafuu hammaatullee kama islaamaa kanatu kankeetii, wallaalaa ta’ullee kama islaamaa kanatu kankeetii kama islaamaa sana maxxanfadhu ka kaafiraa irraa fagaadhu.

Sheikh Abdurahman Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 13
Views: 1163

Kanas dubbisi!

520: Qiblaafi azaanni shii’aa keennaan akkuma tokkoo?
512: Aruuztotatti aannan tufuun yookaa itti facaasuun akkam?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

3 Comments

  1. As wr wb
    Dubartiin haala yaroo keessa jirturraatti jireenyi biyya orma yoo natti jabaate dawaa akka ilmoon garatti nan hafne fudhachuu akkamitti ilaalama Akka shari’aadhaatti
    gaaffii itti aanu
    Horii nama haatee gurguradhe nama isaaniifi fira isaallee in beekuu gatti yaroo saan itti gurguradhen yoo isaaf niyaadhe sadaqqadhee keene akkamii
    garuu akka namni hattuu aanan in jenneef horii Saan in hattee jechuu in barbaanne mee akkamitti ilaalama

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button