header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

524: Nikaha malee daa’imummaan dubra heerumte tawbaan isii maali?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Nama tokkotu nikahaan malee na fuudhee, anaa diqqoodhaa haati tiyya duutee warra keennatu anaa diqoodhaa na kennee, eega guddadhe booda namtichaan wal jaalanne; ati amma haadha hin qabduu ta si gurgurtu akkanumatti fudhadhee manatti siin gala jedhe eega anillee jaaladhe fuudhee manatti naan galatee jette, na fuudhee. Toowban keenna maali?

Deebisaa: Si hin fuunee zinaa sitti godhe, zinaan wajji galtan, zinaan wajji jiraattan. Yoo ka sirraa hore taate karaa zinaatiin waliin hortan. Maqaa bareedaa shariyaa san hin kenninaafii. Na fuudhe hin jedhinii zinaa natti godhe jedhi.  Maaliif jennaan Maqaa shariyaadha kennaniif shariyaan islaama fuudha jedhan, heeruma jedhan. Maqaa bareeda islaamni kenneef. Ammoo ka zinaa zina fuudhaa miti. Kanaafuu Rabbiin Qur’aana keessatti maal jedha zinatti hin dhihaatinaa maaliif jennaan inni haalaan waan hamaadha ta’e. Kanaafuu maqaa fokkataaf maqaa bareedaa hin kenninaafii. Toowbaan keessan baatii takka addaan fagaattanii bakka bakka jiraattanii. Baatii takkaan booda akka haarawatti warra keessan irraa si kadhatee haarawatti warri keessan nikaha si godhee si fuudhuu qabaa. Sana booda araarama kadhadhaa Rabbii keessan. Toowbaan sharxii sadi qabdi. Takka waan duraan dalagaa turtan sani irraa buqqa’uu, lamaffaa sheenawuu dalagaa teessan ta zinaa sanirraa, murteeffatuu akka itti hin deebine. Rabbiin isinii araarama inshallah. Ammarraa yoo dhaamsi kiyya kun isin dhaqqabe namticha sani wajji jiraachuu hin qabdanii addaan bahaa. Ka san irra daranii gaafa dhiirsi kiyya fudhate manatti naan gale warri isaa hoolaa qalanii kallacha na dibanii jetti Sun shirkiidha . Toowbaa barbaachisa gama Rabbii deebi’aa. Ilmoon yoo dhalattellee ilmoon sun ilmoo zinaati yoo nikaahni hin jiraatin. Wonni isinirraa argamte hundi baaxila jechu.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 23
Views: 2917

Kanas dubbisi!

556. Fedhiin qunnamtii saalaa humnaa ol natti tahe, barnootaafi dalagaallee na dhoorke. Maal godhuu qaba?
513: Maallaqa ribaan wojjiin jiru zakaan ka irraa hin baane maal godhuu qaba?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button