header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

556. Fedhiin qunnamtii saalaa humnaa ol natti tahe, barnootaafi dalagaallee na dhoorke. Maal godhuu qaba?

  • Home
  • Bultii
  • 556. Fedhiin qunnamtii saalaa humnaa ol natti tahe, barnootaafi dalagaallee na dhoorke. Maal godhuu qaba?
Estimated reading time: 1 min

Fedhiin kun shaabaaba hundarra jira. Rasuulli SAW dawaa walii galaa kan nama hundaaf tahu nuuf dhaamanii jiru. Namni kun yoo humna qabaate jaartii haa fuudhu. Sanuma cinaan barnoota isaatis haa oofu. Yoo kana dadhabe ammoo haa soommanu. Kanas Rasuulatu nuuf dhaame.

Namni hundi fedhii foonii ni qaba. Garuu wanti rakkoo kana namatti hammeessu qaama ofii toohachuu dadhabuudha. Namni waan hin taane dhageeffataa oolu, kan waan hin taane daawwataa oolu, fedhinnaa ofii toohachuu hin dandayu. Namni baaxila (Pornography) laale nama sooqidda dhuge. Sooqiddi yoo dhugan dheebuu namatti dabala malee dheebuu nama hin baasu. Fiilmii haraamaa daawwachuun wantoota rakkina kanaaf nama saaxilan keessaa hangafa. Kanaafuu namni rakkoo tanarraa of oolchuu fedhu waan kana daawwachuurraa fagaachuu qaba.

Kan biroo saahiba gaarii qabaachuudha. Namni saahiba hamaa qabu waanuma hamaa dalagaa oola. Kanaafuu hiriyaa kheyritti isa ajajju, tan toltutti isa yaamtu qabaachuu qaba.

 

 

Sheikh Abdussalaam Xaahir

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 8
Views: 2813

Kanas dubbisi!

564. Mahrii malee nikaaha hidhuun akkami?
492: Salaata keessa qur’aana yoo dogongore jaartiin tiyya naa qajeelchuu dandeettii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button