header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

592: Jaartii xurii laguu irra jirututti ida’amuun akkamitti laallama?

  • Home
  • Bultii
  • 592: Jaartii xurii laguu irra jirututti ida’amuun akkamitti laallama?
Estimated reading time: 3 min

Deebisaa Gabaabaa

Jaartii tiyya osoo isiin xurii laguu irra jirtu itti dabalamee, maaltu narra jira gaafii jedhutu dhihaate. Yaa Gabricha Rabbii! Rabbiin Nabi Muhammadiin (SAW) akkana jedha “Heeydii irraa sigaafatuuf jiranii, irraa fagaadhaa jedhiin” Kanaaf jecha haraama dalagdee jirta.

 

 

Tan duraa wanni sirra jiru towbaadha. Namni jaartii akkuma heeydiin itti dhufeen itti ida’ame diinaaratu irra jira, kan heydii gara dhumaa irra osoo jirtu itti ida’ame ammoo dirhamatu irra jira hadiisni jedhu ni jira. Garuu irra caaltuun waan san har’a booda itti hin deebi’u jedhanii sharxii toowbaa guutanii irraa fagaachuudha.

 

Akkuma san atis gabrittiin Rabbii, yeroo heydiidhaa akka inni waswaas keessa hin galle if eeggannoo godhi. Dhalaan gariin heeydiin hogguu itti dhuftu fedhiin isaanii ni dabala. Gaafni isiin ifyaadattee if tottolchitus gaafuma sani. Haala kanaan jaarsi isii yoo hamtuu keessa gale sababaa itti taatee jirti jechuudha. Ammoo yoo inni sihii heeydii irra jirtu sitti ida’amuu fedhe didi. Hamma dandeetteen ifirraa dhoorki malee, tole hin jedhin. Nabiin (SAW) Nama kamuu gamachiisuuf waan Rabbiin jibbu dalaguun dhoorkaadha jedhan.

Dr. Liwa’ul Islaam

 

Deebisaa Ulamaa’ii Biyya alaa

Allah’n haadha warraa heeydii irra jirtutti ida’amuu dhoorkee jira. Qur’aanni dhimma kana irraa yoo dubbatu, heydiin mataan isaa azaa (waan miidhaa qabu) tahuu nuuf ibse.

 

Rabbiin akkana jedha: “(Yaa Muhammad) Heeydii irraa sigaafatuuf jiran. Suni (heydiin) azaadha. (Abbaan warraa jaartii isaa heeydii irra jirtutti makamuun waan miidhaa qabu), Kanaaf, dubartii heeydii irra jirtu irraa faagaadhaa, jedhiin” [al-Baqarah 2:222] 

 

Akkuma qur’aanni ibse walqunnamtiin yeroo heeydii wanti dhoorkameef dhiiga qofaafii miti. Miidhaa hedduu waan qabuufi. Saayinsiinis yeroo heeydii walqunnamtii raawwachuun, infeekshinii dabaltee rakkoolee biroo heddu kan fidu tahuu mirkaneessee jira.

 

Muslimni wanta hunda dura ajaja Rabbii isaa fudhachuu qaba. Maaltu gabricha isaatiif toltuu qaba, maaltu ammoo miidha qaba kan jedhu Rabbiin ni beeka. Eega irraa fagaadhaa jedhee nu ajajee gaaffii tokkoon maletti irraa fagaatuu qabna.

 

Gama biraatiin haadha manaa ifii heeydii irra jirtu walitti ida’amuun alatti hammachuunii fi dhungachuun ni hayyamama.

 

Al-Hayd wa’l-Nifas wa’l-Haml bayna al-Fiqh wa’l-Tibb (Dr. ‘Umar al-Ashqar)

Tawdih al-Ahkam by al-Bassam, 1/362.

Saayinsiin fayyaa dhimma kanarraa maal jedha?

 

Dubartiin xurii laguu (heeydii) irra jirtu, yeroo biroo caalatti infeekshiiniiwwan walqunnamtii saalaatiin daddaabraniif salphatti saaxilamuu malti. Sababni kanaatis dhangala’aawwan qaama hormaata dubartii keessaa bahan, baakteeriyaa fi vaayirasiiwwan gara garaatiif carraan haala mijaawaa uumuudhaa ni bal’ata. Dabalataanis qaamni hormaataatis kan duraa irra hamma tokko waan banamuuf, vaayirasiin humna xiqqaa qabus salphatti gara qaama isii seenuu danda’a.

 

Akka waliigalaatti yeroo xuriin laguu hin jirretti, dhangala’aan qaama saala dubartii gama balbalaa keessa jiru asiidawaa yoo tahu, kunis PH 3.8-4.5 jidduu tura. Haalli kun qaamni saalaa dubartii ofumaa isaatii vaayirasii fi baakteeriyaa ofirraa ittisuun, qulqullina isaa akka eeggatu gargaara. Haata’u malee yeroo heeydii PH’n dhiiga laguu haalaan ol ka’ee PH 7-8 waan gahuuf, kunis humni asiidii qaama hormaataa keessa jiru akka hir’atu godha. Hammi asiidii hir’achuun ammoo; fangasiifi baakteeriyaan garagraa kanneen infekshiiniidhaaf nama saaxilan, rakkoo malee salphatti akka wal horan  gargaara. Sababaa kanaaf jecha dubartiin yeroo kanatti wal-qunnamtii saalaa raawwatte, carraan isiin infeekshiinaaf saaxilamuuf qabdu ol aanaadha. Infeekshiiniin qaama isii keessa jirus salphamatti gama abbaa warraa isii dabruu dandaya. Kan abbaa warraa isiitis haala salphaan gama isii dabra.

 

Gama birootiin yeroo xurii laguutti wal-qunnamtii salaa raawwatuun, infeekshiinii ujummoo fincaanii (urinary tract infection) jedhamuuf isii saaxiluu mala.

 

Jijiirama hormoonii fi inzaayimootaa yeroo heeydii muudatuun walqabatee, bocni gadaamessaa fi ujommoo fincaanii waan jijjiiramuuf, yeroo kanatti walqunnamtii raawwachuun dhiigni hin barbaadamne dabalataan dubartii irraa akka yaa’u sababa tahuu mala. Kunis miidhaa of dandahe qaba.

 

Dubartoonni heddu yeroo heeydii irra jiranitti qaamaa fi xiinsammuudhaan waan dadhabbaniif, yeroo kanatti walqunnamtii saalaa raawwachuun gammachiisaa osoo hin taane kan isii cinquu fi dhukkubsu tahuu mala.

 

Yeroo xurii laguu irra jiran wal qunnamtii saalaa godhuun infeekshiina fangasii (Yeast infection) jedhamuuf isii saaxiluudhaaf carraan jiru ol aanaadha. Infeekshiinni fangasii kun wajji jireenya jaarsaafi jaartii irratti dhiibbaa guddaa uuma.

Mallattoolee Yeast Infection

 

  • Qaamni saalaa gubbaafi keessaan hooysisuu
  • Gubaa qaamaa. Keessumattuu yeroo wal qunnamtii saalaa godhaniifi yeroo fincaaniitti.
  • Qaamni saalaa moggaa lameeniin diimachuu fi iitayuu
  • Dhukkubbii qaama saalaa.
  • Wantoonni finniisa ykn shifiniinii fakkaatan naannoo qaama saalaatti heddummaachuu
  • Dhangala’aan adiin aannan goggoge fakkaatu ciccitee qaama saalaa keessaa bahuu.
  • Dangala’aan bifa bishaanii fakkaatu heddummaatee yaa’uu

 

Yeast infection kun waan dawaan wal’aanamee fayyu tahus, wajji jireenya jaarsaafi jaartii hedduu miidha. Dubartiin infeekshiina kanaaf saaxilamte fedhii wal qunnamtii saalaa guddaa hin qabaattu. Yeroo wal qunnamtii saalaa gootus gammachuun guddaan itti hin dhagayamu. Inumaa faallaa kanaatiin gubaafi laalaa hamaatu itti dhagayama.

 

Walumaa galatti walqunnamtiin yeroo dhiiga aadaa raawwatamu miidhaa hedduuf nama saaxiluu danda’a. miidhaan hamaan kan saayinsiin itti hin dhaqqabinis hedduutu jiraata. Kanaafuu irraa fagaachuun dirqama taha jechuudha.

Guduunfaa

(Yeroo xurii laguu wal qunnamtii saalaa godhuun dhoorgaadha. Rabbitu Qur’aana isaatiin dhoorge. Waan Rabbiin irraa dhoorge maaliif jedhanii gaafatuun hin barbaachisu. Eega ajaja Rabbii tahee dhiisuun dirqama. Namni dhimma akkanaa irratti maaliif jedhee gaafataa oolu, ragaa qabatamaa isa amansiisu barbaadutti jira. Ragaa san ammoo gama qorannoo saayinsiitiin mirkaneeffachuu barbaaduutu mala. Saayinsiin waan tokko har’a gaariidha jedhee, boru ammoo qorannoo biroo booda hamaadha jechuu dandaya. Saayinsiin waan ilmi namaa qoratee bira gahe. Dogongoruu dandaya. Yeroo booda jijjiiramuus dandaya. Kanaafuu ragaa qabatamaa saayinsii barbaaduuf if cinquun hin barbaachisu. Waan Rabbiin irraa dhoorke irrumaa dhoorkamutu barbaachisa. Ajaja isaa fudhatanii irraa dhoorkamuun ajrii namaaf argamsiisa. Ajaja isaa didanii waan inni irraa dhoorke dalaguun ammoo qixaaxa isaa namatti buusa.

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 3887

Kanas dubbisi!

601: Osoo Jaarsa Qabu Zinaa Godhe, Maaltu Narra Jira?
591: Ramadaana keessa jaartii dhungachuufi itti maxxananii ciisuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

2 Comments

  1. As wr wb gaafin kiyya waa’ee janaazaa ilaallata.
    Janaazaa dhiiraa irratti wayta dua’ii kadhatan wa zowjan keyran min zajihaa jedhan kan dubartii hoo bakka sanitti maal jedhan?
    Galatooma.

  2. As wr wb gaafin kiyya waa’ee janaazaa ilaallata.
    Janaazaa dhiiraa irratti wayta dua’ii kadhatan wa zowjan keyran min zajihaa jedhan kan dubartii hoo bakka sanitti maal jedhan?
    Galatooma.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button