Sheikh Abdussalaam Xaahir
Salaata Naflii (sunnaa jajjabaa) kan akka qiyaam-al-Leeyli keessatti Musihafaa irraa qara’uun rakkoo hi qabu. Salaata Waajibaataa keessatti garuu Mus’hafa irraa qara’uun jibbamaadha. Yeroo hedduu wanti suuraa dheeraa akka qara’an nama dirqisiisu waan hin jirreef, waajibaata suuraa yookaan aayata qomatti haffazaniin salaachisutu jaalatama. Haata’uutii garuu yoo dirqama tahe garuu salaata waajibaa keessattis mus’hafa irraa qara’uun badii hin qabu.
Sheikh Saalah Al Munajjid