header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

605: Salaata Halkanii keessatti Basmalaa ol qaban moo gad qaban?

  • Home
  • Salaata
  • 605: Salaata Halkanii keessatti Basmalaa ol qaban moo gad qaban?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii Masjiida Heddu keessatti wayta salaatan, Basmalaa Qur’aanaa ol qabatanii hin qara’an. Ulamaa’iin gariin Basmalaan qaama Suuraa Faatihaati jedhan, Salaata keessatti Bismillaah jechuu tana dhiisanii faatihaa qofa qara’uun akkamitti laallam. Bismillaahiin eega faatihaarraa taate, maaliif irraa dhiisan?

 

 

Deebisaa: Basmalaa gad qabatanii qara’uun waan rakkoo qabuu miti. Sunnaa Rasuula (SAW) irraa mirkanaawe. Khulafaa’onnis waan kana itti dalaganii jiran. Ammoo gad qabatanii qara’uu jechuun dhiisuu jechuu miti. wayta salaatatti seenan basmalaa sagalee gad qabatanii qara’anii, Faatihaa ammoo ol fudhatanii qara’an.

 

Gama birootiin Basmalaa ol qabanii qara’uunis salaata hin balleessu. Gama lameenittuu salaanni numa taha. Garuutuu kan irra beekamaa taheefi, kan irra caalaa hayyootaatiin hordofamu, basmalaa gad qabanii qara’uudha.

 

Basmalaan Suuraa Faatihaa irraa lakkayamti moo suuraa faatihaatiraa hin laakkayamtu gaafii jedhuuf ammoo, dhimma kanarratti yaada adda addaatu jira. warri basmalaan suuraa faatihaatirraahii miti jedhan ni jiru. Garuu dubbiin irra fudhatama qabu, Basmalaan Faatiharraa tahuu mirkaneessa. Akka hundattuu basmalaa gadi qabanii qara’an malee hin dhiisan.

 

Sheikh Abdussalaam Xaahir

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 572

Kanas dubbisi!

606: Imaamni Qur’ana irraa laalaa salaachisuu danda’aa?
603: Guyyaa Jum’aa Suuraltul Kahf Qara’uun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button