header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

608: Sujuuda Keessatti Afaan Oromootiin du’aa’ii godhuun hayyamamaa?

  • Home
  • Salaata
  • 608: Sujuuda Keessatti Afaan Oromootiin du’aa’ii godhuun hayyamamaa?
Estimated reading time: 2 min

Hubachiisa:

(Dhimma du’aa’ii sujuuda keessaa kanarratti ulamaa’ii jiddutti wal dhabbii duddatu jira. barruu tana keessatti deebisaa adda addaatu gabaabinaan dhihaate. deebisaan Dr. Zaakir gaafii kanaaf kennes jalarratti katabamee jira)

Gaafii: rukuu’aafii sujuuda keessatti du’aa’ii fedhan kadhachuun hayyamamaa?

 

 

Deebisaa Dr Liwaa’ulislaam

Salaata guutuu keessattis tahee, Rukuu’aa fi Sujuuda keessattis waan Nabiin (SAW) nu barsiise dhiistee waan biraa jechuu hin dandeessu. Fakkeenyaaf Akkuma Muslim fi Ibni Maajah gabaasan; hogguu rukuu’aaf jilba qabannu “Subhaana Rabbi yal aziim” yeroo 3 ykn 2 yookanis yeroo 1 akka jennu ni beekama.

 

Garuu ammoo du’aa’ii biroo tan Nabii keenya irraa dhufte yoo itti dabalatte rakkoo hin qabu. “Subhaana Rabbi Yal aziim wabi hamdihi” riwaayaa Abii Daawudi fi daara Quxnii fa’atu gabaase. Rukuu’aafi sujuuda keessattis “Subahanaka Allahumma Rabbanaa Wabi Hamdika allaahumaghfirlii” jechuun akka danda’amu Bukhaarii fi Muslimtu gabaase.

 

“Subbuuhun qudduusun Rabbul Malaa’ikati warruuhi” jechuun akka dandahamu Muslimtu gabaase. Akkasuma “Allahumma laka raka’atu wa bika aamantu…” hammaa dhumaatti jechuun ni danda’ama. Ammas namni danda’e  yeroo barbaachisaa tahe keessatti du’aa’ii “Subhaana Zil jabaruuti wal malakuuti wal kibdaaya wal a’zama” jechuun Rukuu’aa fi sujuuda keessattis akka danda’amu Abuu Daawudi fi Beeyhaqitu gabaase. Waan kanaa achii ifirraa kaastee bakka buusuu hin dandeessu.

 

 

 

Deebisaa Dr. Zaakir Naayik

 

Gaafii: Sujuuda keessatti afaan arabaatiin ala afaan birootiin du’aa’ii godhachuun hayyamamaa?

 

Deebisaa: Gaafiin tun waan lama if keessaa qabdi. Kan duraa, Sujuuda keessatti du’aa’ii godhachuun ni hayyamamaa kan jedhu taha. Kana ilaalchisee Sahiih Muslim keessatti akkuma gabaafame, Nabi Muhammad-Sallallaahu Aleeyhi Wa Sallam-akkana jedhan “ilmi namaa yeroo kamiyyuu caalaa kan Rabbitti dhihaatu sujuuda keessatti, yeroo kana keessatti du’aa’ii heddummeessaa” jedhan. Kanaafuu Eragamaan Rabbii (SAW) akka jedhanitti, yeroo du’aa’ii akkaan godhuu qabnu keessaa tokko yeroo sujuudaati. Akka ragaan hadiisa kanaa ibsutti, sujuuda keessatti Rabbi kadhachuun jaalatamaafi wanta Rasuulli itti nu jajjabeessaniidha.

 

Gaafii lammataatti yoo ceenu, sujuuda keessatti afaan arabaatiin alatti afaan dhalootaa kan birootiin du’aa’ii godhachuun hayyamamaa? Kan jedhutu jira. Gaafii Kana ilaalchisee ulamaa’iin yaada garagaraa kennan. Yaadni jalqabaa, sujuuda keessatti du’aa’ii fi zikrii hadiisa keessatti dhufe kan Ergamaan karaa godhan malee, du’aa’ii biroo kamiyyuu godhuun hin hayyamamu warra jedhutu jira. Yaadni lammataa; Afaan Arabaatiin yoo tahe du’aa’ii biroo kan dabalataa godhuun ni danda’ama warra jedhutu jira. Yaadni sadaffaa, namni afaan Arabaa hin beeyne, afaanuma dhalootaatiin sujuuda keessatti Rabbii isaa kadhachuu mirga qaba warra jedhutu jira. Yaadota kanneen jidduu inni sirriidhaa kan sadaffaa kana. Namni Muslimaa afaan Arabaa yoo kan hin beekne tahe, sujuuda keessatti du’aa’ii hadiisa keessatti hin dhufinis haa tahuu, afaanuma dhalootaatiin du’aa’ii fedhe godhachuu mirga guutuu qaba. Ragaan waan kana haraama godhu hin jiru.

 

Deebisaa Sheikh Saalah Al Munajjid

Namni Muslimaa tokko osoo afaan Arabaa beeku, osoo du’aa’ii Afaan Arabaa beeku, salaata keessa Afaan birootiin du’aa’ii godhuun isaaf hin hayyamamu. Afaan Arabaa qofaan du’aa’ii godhuun isarratti dirqama.

 

Namni Afaan Arabaa hin beeyne ammoo, yoo haajaa ofii sujuuda keessa Rabbitti himatuu fedhe afaanuma beekuun Rabbii isaa kadhatuu mirga guutuu qaba. Arabiffa wallaaluun kadhaa Rabbii irraa isa hin daangessu.

 

Deebisaa Sheikh Aasim Al Hakiim

 

Sujuuda keessatti namni du’aa’ii Afaan Arabaa beeku afaanuma Arabaatiin Rabbi kadhachuu qaba. namni haajaan jabduun itti jirtu kan Rabbii isaatti woywaachuu barbaadu, yoo du’aa’ii afaan Arabaa kan hin beeyne tahe Afaanuma beekuun Rabbii isaa kadhachuu mirga qaba.

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 1576

Kanas dubbisi!

619: Salaata keessa dhimma duniyaa yaaduun salaata ni balleessaa?
606: Imaamni Qur’ana irraa laalaa salaachisuu danda’aa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Comment

Back to top button