header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

619: Salaata keessa dhimma duniyaa yaaduun salaata ni balleessaa?

  • Home
  • Salaata
  • 619: Salaata keessa dhimma duniyaa yaaduun salaata ni balleessaa?
Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Yoo namni tokko si dallansiisee dallansuu saniin salaatatti seente, wanti sun salaata keessa si dura deddeemuun salaata kee ni miidhaa?

 

 

Deebisaa: Namni tokkolleen waswaasa irraa hin duroomu. Milkii salaata keessaa argachuuf furtuun guddichi Khushuu’a. hamma dandeeysetti salaata kee Khushuu’aan (XIyyeeffannaan) salaatuuf yaalii godhi.

 

Yeroo salaatatti seenuuf deemtu, akka namni kophee ofirraa baasee lafa kaayutti, yaada khushuu’a si jalaa balleeysu qalbii tee keeysaa baasi. hamma dandeeysutti xiyyeeffannaan salaatuu yaali. Garuu waswaasni toohannaa keetii ol tahee sitti dhufu, salaata kee sirraa hin miidhu.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

 

Tooftaalee Salaata xiyyeeffannaan (Khushuu’aan) salaatuuf nama gargaaran liinkii kanarraa dubbisi

582: Waswaasa Salaata keessaatiif furmaanni maali?

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 7
Views: 1014

Kanas dubbisi!

620: Salaanni halkanii yoo nama dabre qadaa baasuun dirqamaa?
608: Sujuuda Keessatti Afaan Oromootiin du’aa’ii godhuun hayyamamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button