header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

613: Qabeenya abbaa dhoysanii fudhachuun hayyamamaa?

Estimated reading time: 1 min

Abbaan yoo akkaan dhoyna tahe, ilmi yoo qabeenya abbaa biraa rakkate, yoo dhukkubsatee waan ittiin wal’aanamu dhabe, qabeenya abbaa irraa waan isaaf gahaa tahe fudhatee fayyadamuu ni dandaya. Garuu daangaa dabruu hin qabu. Waan hundaa jiddu galeessatti fayyadamuu qaba. Yoo dhukkubsatee haakima dhaquu barbaade, mallaqa abbaa guddisee fudhatee hospitaala qaqqaalii dhaquu hin qabu. Hospitaala jiddu galeessatti wal’aanamuu qaba.

 

Dubartiin qabeenya jaarsaa dhoysitee fayyadamuu dandeeysii?

 

Yoo Jaarsi akkaan doyna tahe, yoo ilmaan harkatti beeloytee rakkatte, qabeenya jaarsa isii irraa hanga isiif gahu qofa fudhattee fayyadamuu mirga qabdi. Kanaaf ragaan hadiisa Rasuulaati (SAW)

 

Intalti Hindi Bint Utbah jedhamtu, gama Rasuulaa dhuftee, “Yaa Rasuulullaah, Jaarsi kiyya Abuu suufiyaan akkaan harka jajjabaata. Waan naafi ilmaan kiyyaaf gahu naaf hin kennu, yoo akka inni hin beeynetti dhoysee waan naaf gahu irraa fudhe diliin narra jirtii?” jettee gafatte, Rasuulli (SAW) “Waan siifi ilmaan keetiif gahu fudhadhu, saniif hin dilooytu” jedhen. Kanaafuu dubartiin takka yoo Jaarsi isii akkaan doyna tahee harka jajjabaate, qabeenya jaarsa isii irraa waan isiif gahu fudhattee fayyadamuu mirga qabdi. Garuu daangaa dabruu hin qabdu.

 

Fakkeenyaaf yoo ganda isaan jiraatan san keessatti wanti ummanni ittiin jiraatu dinnichaa ykn boqqolloo tahe, isiin horii jaarsaa guddistee fudhattee Hoolaa ykn Re’ee bittee maatii isii foon nyaachisuun sirrii miti. wanti isiin fudhachuu qabdu waanuma dinnichaafi boqqolloon bitan san qofa tahuu qaba. Yoo san bira dabarsitee fudhatte hattuu jedhamti.

 

Akka ilmaaniifi jaartiin hannatti hin seenne abbootiin maal godhuu qaban?

 

Qabeenya qaban irraa maatii ofiitti arjoomuu qaban. Waan dubartoota isaaniitiif barbaachisu ofumaa beekanii kennuu qaban. Waan ilmaaniif barbaachisus kennuu qaban. Yoo abbaan ofii isaatii beekee waan kana gode, ilmaaniifi jaartiinis qabeenya isaa dhoysanii hin fuuudhatan. Gama birootiin ilmaanis wal caalchisuun hin barbaachisu. Ilma tokkoo waa kennanii, ilma kaan dhoorkachuun sirrii miti.

 

 

Namni jaartii heddu qabus dubartoota ofii wal qixxeessuu qaba. Jaartii takka ol qabanii takka gad qabuun dilii guddaadha. Waan jaartii takkaa godhan taaniifis godhuun dirqama taha.

 

Sheikh Muhammad Waadoo

Kun deebisaa gabaabaadha. deebisaa guutuu ibsa bal’aa wajjiin sagalee kanarraa dhaggeeyfadhu.

 

 

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 632

Kanas dubbisi!

617: Rakkoo ofirraa oolchuuf waadaa diiguun akkamitti laallama?
609: “Sadihiin Si Hiike” jechuun meeqatti lakkaawama?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. 1,Diliin Hanaa Mali fkn oyru nama irraa wanta akka boqqolo,barbare hatuun ? 2,erga hatte booda soban yoo kakkate qixatni isaa maali

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button