header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

617: Rakkoo ofirraa oolchuuf waadaa diiguun akkamitti laallama?

  • Home
  • Bultii
  • 617: Rakkoo ofirraa oolchuuf waadaa diiguun akkamitti laallama?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Anaa fi Abbaan warraa kiyya biyya garagaraa jiraanna. Amma abbaan warraa kiyya nu lachuu gara biyyaa deebinee yeroo muraasaaf eega wajji turree booda, garuma bakka duraaniitti deebina naan jedhe. Ani ammoo gara biyyaa deebi’uu yaada jedhuun walii galee jira. Garuu gara biyya alaatti deebina kan jedhu san niyyaa keessaa hin qabu. Niyyaa tana ammoo qalbima keessatti dhoyfadhe. Eega biyyatti deebineen booda an hin deebi’u jedhee dide. Dhimmi kun akkamitti laallama?

 

 

Deebisaa: Jalqabarratti yeroo hin gallaa irratti walii galan san isiin niyyaa isiitiin biyya ormaatti hin deebi’u jechuu murteeffachuun isii kun karaa lamaan ilaalama. Inni duraa, isiin karaa kheeyriitiin yoo yaaddee jiraateedha. Biyya ormaa keeessa kopha kophaa jiraachuun kun nuuf hin taane, biyyumatti galee isas amansiisee waliin jiraanna, dalagaas taatu biyyumatti barbaadannee waliin dalaganna kan jedhu yaaddee yoo murteessite rakkoo hin qabu. Haa ta’u malee ganuu karoorfattee, niyyattee deebite taanaan dhoorkaadha.

 

Isiin haala jiru laaltee, biyya alaatti deebi’uun jireenya isii irratti dhiibbaa qabaachuu isaa yoo hubatte, waan isiidhaaf tolaa murteeffachuu mirga qabdi. Namni hunduu haala jireenya ofii laalee murteeffata. Gara biyya alaa deebi’uun isii sun hagam isii fayyada? Miidhaa akkamii isii irraan gaya? Wantoota garagaraa xiyyeeffannaa keessa eega galchiteen booda murteeffachuu malti. Yoo rakkoo ofirratti beektee, rakkoo san dheessuuf jecha murteeffatte badiin takkallee isii irra hin jiru. Biyya alaatti deebi’uun na miidha jettee yoo sodaatte, karaa amansiisuu dandeettuun amansiifattee, ofii biyya teettee maatii isaa guddisaa, isaan ammoo deemii dalagi jetteenii gara biyya alaa geggeessuun, walii galuun rakkoo hin qabu.

 

Gama biraatiin abbaan warraa waadaa isii galee, bakka deemtu sanitti mana tolcheefii waan isii barbaachisu cufa guuteefii si bulcha jedhee yoo waadaa galeef, maatiin diigamuurra isiin deebi’uu qabdi. Dubartiin akkuma ilma namaa kamittuu, mirga ofiitiif yaaduu qabdi. Bakka dhiibbaan mirga isii tuqu itti godhametti mormatuu qabdi. Mirga isii irratti dhiibbaa uuma taanaan, fayyaa fi hamilee isii miidha taanaan, ajaja abbaa warraa guutuuf jecha dirqamatti garas deebi’uun rakkoo keessa galuu qabdi wanti jedhamu hin jiru. Yoo barbaaddes an haadhaa fi abbaa kiyya bira jiraadha hin deebi’u jettee diduu mirga qabdi. Akka amantii islaamaatti dubartiin nama of dandeettee fi mirga guutuu qabduudha. Kanaafuu bakki sun na miidhaa sodaattee hin deebi’u yoo jette mirga qabdi. Abbaan warraa isii yoo danda’e biyyatti akka isii horatu, yoo dadhabe ammoo akka isii gad lakkisu gaafachus ni dandeetti.

 

Sheikh Abdussalaam Xaahir

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 623

Kanas dubbisi!

640: Hayyama Jaarsaa Malee Qaadiin Nikaaha Buusuu Danda’aa?
613: Qabeenya abbaa dhoysanii fudhachuun hayyamamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

3 Comments

  1. As wr wb gafiin koo itala dubra takan amta dhera wal jalane bodara wada wali galee diydee demte wayee wada kunoo hagam jaba isa juf

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button