header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

634: Ramadaana Keessa Nama Abaaruun Soommana Ni Miidhaa?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Jaarsi kiyya qabamee biyyatti gale. Achi booda karaa namticha tokkootiin mallaqa naaf ergi naan jedhe. anis karaa namticha saniitiin Mallaqa Sa’uudii 3000 itti erge. Achi booda namtichi mallaqa fudhatee telefoona nurraa cufate. Eegasii mallaqa biroo jaarsa kiyyaaf erge. Anis waan kanarraa dallanee namticha kanarratti du’aa’ii godhe. Yeroon sun baatii Ramadaanaa keessa ture. Wanti kun soommana narraa miidhaa?

 

 

Deebisaa: Du’aa’iin Zaalima irratti godhan soomana hin miitu. Wanti soomana namarraa balleessu sa’aa soomanaan jirtutti nyaachuu ykn dhuguu, jaarsaan walitti dabalamuu, koobbachuufii waan akkanaati malee, zaalimatti du’aa’ii gochuun soommana hin balleessitu.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 47

Kanas dubbisi!

658: Salaataafi soomanni umrii meeqatti waajiba namarratti taha?
591: Ramadaana keessa jaartii dhungachuufi itti maxxananii ciisuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button