header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

658: Salaataafi soomanni umrii meeqatti waajiba namarratti taha?

  • Home
  • Salaata
  • 658: Salaataafi soomanni umrii meeqatti waajiba namarratti taha?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Umriin ilmi namaa itti ballagu, kan salaatni fi soomanni waajiba namarratti taatu meeqatti?

 

 

Deebisaa: Yeroon ibaadaan dirqama namarratti tahu jijjiirama qaamaa irratti hundaaya. Fakkeenyaaf ilmi dhiiraa tokko gaafa areeda baase ykn yoo maniyyiin (Sanyiin hormaataa) itti dhufe ballagee jira ykn ibaadaan hundi dirqama irratti taatee jirti jechu. Dubartiinis akkasuma. Dubartii takka gaafa xuriin laguu itti dhuferraa ibaadaan hundi dirqama irratti taha.

 

Jijjiiramni qaamaa kun haala jireenyaatiifi haala qilleensa naannoo irratti hundaayee garaagarummaa qabaachuu dandaha. Umriin ibaadaan dirqama namarratti tahu waggaa hangana jedhanii murteessuun hin danda’amu. Intalti dubraa gariin gaafa waggaa 9 guuttu xurii laguu arguu dandeessi. Gariin ammoo waggaa 10, 13, 14 ykn sanii olittis heydiin itti dhufuu dandaha. Wanti kun haala jireenyaatiifi haala qilleensa naannoo irratti hundaahee garaagarummaa qabaata. Kan dhiiraatis akkasuma. Akka biyyoonni lixaa murteeffatanitti umriin itti gaafatamummaa waggaa 18 guutuudha. Kun seera biyyoonni adda addaa itti gaafatamummaa mirkaneessuuf baafatan malee, seera Shari’aatii miti. gaafa waggaa 18 guute ibaadaa Jalqaba jedhanii taa’uun hin taatu.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 390

Kanas dubbisi!

660: Raka’aa lamaan boodaa keessatti faatihaa malee suuraa biroo dabaluun tahaa?
657: Yoo rukuu’a irratti salaata dhaqqaban raka’aa san akkam godhan?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button