header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

638: Namni Manaamaan Qunnamtii Saalaa Godhe Qaama Ni Dhiqataa?

Estimated reading time: 1 min

Deebisaa Gabaabduu

Dhiiraafi Dhalaanis yoo manaamaan qunnamtii saalaa godhan, hukmiin isaanii haala lamaan laallama.

 

Tokkoffaa yoo bishaan hormaataa (Maniyyiin) irraa bahe qaama dhiqachuun dirqama. Hukmiin nama kanaa akkuma nama qunnamtii saalaa godheeti. Kan lammaffaa ammoo yoo bishaan hormaataa irraa bahuu baate dhiqannaan hin babraachisu.

 

 

Hadiisa Ummu Suleeym Gabaaste keessatti, Ummu Salamaan gama Rasuulaa (SAW) dhuftee, Yaa Rasuula Rabbii, Rabbiin haqa irraa hin qaanfatuu; intala takka hirriba keessa yoo sheeyxaanni itti taphate (yoo manaama keessa qunnamtii saalaaa goote) qaama dhiqachuun isiirratti dirqamaa?” jettee gaafatte. Rasuullis SAW “Ee yoo bishaan irraa bahe dhiqachuu qabdi” jedhaniin.

 

Hadiisa Aa’ishaan odeessite keessatti; Gurbaan tokko gama Rasuulaa (SAW) dhufee “Manaamaan intalaan walitti dabalame, garuu bishaan narraa hin baane, qaama dhiqachuun narratti dirqamaa?” jedhee gaafate. Rasuulli (SAW) “Yoo bishaan sirraa hin bahinii dhiqachuun sirra hin jiru” jedhaniin.

 

Kanaafuu yoo bishaan namarraa bahe ni dhiqatan, yoo bishaan namarraa bahuu baate ammoo hin dhiqatan jechuudha.

 

Sheikh Muhammad Waadoo

 

 

Namni hirribaa ka’ee jiidha qaama saalaa ofii irratti arge maal godhuu qaba?

 

  1. Yoo jiidhinni qaama saalaa ofii irratti arge bishaan hormaataa (Maniyyii) tahe qaama dhiqachuu qaba.

 

  1. Yoo jiidhinni qaama saalaa irratti arge bishaan fedhii (Maziyyii) tahe qaama dhiqachuun dirqamaa miti. garuu huccuufi qaama jiidhinni sun tuqe bishaaniin qulqulleessuu barbaachisa.

 

  1. Yoo jiidhina kana maal akka tahe wallaale hoo maal godhuu qaba waan jedhu irratti yaada adda addaatu jira.

 

Imaamunnawawiin akki jedhe, “Namni hirribaa ka’ee jiidhina ofirratti arge, qaama dhiqatuun isarratti dirqama. Bishaan isarraa bahe bishaan maalii akka tahe waan hin beeyneef, qaama dhiqatee of qulqulleessuu qaba” jedhe.

 

Mazhabni Imaamu Ahmad ammoo “namni kun yoo hirriba dura jaartii ofii wajji taphatee ykn qaama isii laalee eega fedhinnaan itti ka’ee booda rafe, bishaan irraa bahe kun Maziyyiidha. Dura waan fedhinnaa itti kaasu waan godhee rafeef, bishaan irraa bahe Maziyyiidha. Namni kun qaama dhiqachuuf hin dirqamu. Yoo osoo jaartii wajji hin taphatin ykn qaama isii laalee fedhinnaan itti hin ka’in rafee jiidhina ofirratti arge ammoo, qaama dhiqachuun dirqama” jedhe. Ibnu teymiyaanis Yaada kana deeggara.

 

Karaan lameenuu sirriidha. Yoo Yaada imaamu Ahmad hordoftee gaariidha. In shaa Allaah ibaadaan tee ni qeebalamti. Garuu yoo shakkii irraa of qulqulleessuu babraadde, Karaa Imaamunnawawii filadhuu qaama dhiqadhu. Shakkii irraa of qulqulleessanii ibaadaa godhuun irra filatamaadha.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 1077

Kanas dubbisi!

641: Intalti Heydii irra jirtu Ka’abaa Yoo Xawaafte Maaltu irrajira?
631: Heydii akkaan dheerattee daangaa dabartu akkam godhan?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. Namni dhiira toko fedhii yoo ofiin ofiraa baase nijanabtawa akasumaas haali dhiqanaa isaa akami bishan irraa bahu San ufata yoo tuqe ufatnis nidhiqama moo? Jazakallah khayran

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button