header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

639: Salaata nama dabre akkamitti deebisan?

Estimated reading time: 3 min

Gaafii: Namni tokko yoo salaatni irra dabre bifa kamiin salaatuu qaba. Yoo zuhriin irra dabre zuhrii boruutiin eegaa? Yoo Magriibni irra dabre magriiba boruutiin eegaa?

 

 

Deebisaa Gabaabduu

Nabiin SAW akka jedhanitti, “Namni sababa hirribaatiin ykn irraanfachuutiin salaatni irra dabre yeroma yaadate sanitti haa salaatu.” Jedhan. Yeroon salaata sunnaa salaatuun dhoorkame ni jira. Ta’us fardiin si jala dabarraan yeroma yaadattetti salaatuun dirqama ta’a. Hirribarra ykn dalagaa biraa irrallee jiraattu, yaadannaan yeroma san salaatuu barbaachisa. Namni hedduun Zuhriin yoo irra dabre zuhrii boriitiin eega. Kun dogongora.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

================

Fatwaa biyya Alaa

Salaatni karaa lamaan nama jala dabruu danda’a. Inni duraa salaata sababa irraanfiitiin ykn hirribaatiin nama jala dabruudha. Kan lammataa ammoo salaataa beekkaan dabarsaniidha. Namni tokko sababa irraanfiitiin salaatni yoo jala dabre, Nabiin keenya jaalatamaan Nabi Muhammad SAW hadiisa Sahiiha Bukhaarii, mujallada 1ffaa, hadiisa 597 irratti, “Namni tokko salaatni irraanfiidhaan yoo jala dabre, Akkuma yaadateen haa salaatu. Saniif kaffaaraan isuma salaatuu malee hin jiru” jedhan.  Hadiisni wal fakkaataan Sahiih Muslim keessattis ibsameera.

 

Namni tokko osoo waa dalagu yoo saa’aa salaataa dabarse, battaluma yaadatetti salaatuu qaba. Haala kana keessatti nama san irratti badiin hin jiru. Rabbilleen isaaf dhiisa. Dabalataan namni tokko osoo rafuu salaatni fajrii yoo jala dabre, haalli kun dabree dabree mudata taanaan, akkuma hirribaa ka’een salaata san salaatuu qaba. Haa ta’u malee fajriif guyyaa hunda hirribaa ka’uun sitti ulfaata taanaan, hirribaa ka’uu hin dandeenye jettee guyyaa hunda fajrii dabarsita taanaan, dhimma kanarratti ulamaa’iin hundi ‘namni kun haraama dalagaara’ jedhan. Badii guddaadha. Namni kun xiyyeeffannaa kennaa hin jiru jechuudha. Yeroo hunda hirribaa hin kaatu taanaan, of eeggannaa godhaa hin jirtu waan ta’eef galgala yeroon rafuu si barbaachisa. Akkasumas alarm guuttachuu qabda. Akka hundattuu hirribaa kaatee salaatuudhaaf waan gochuu qabdu hunda godhuu qabda. Namni ji’atti guyyaa takka rafee salaata dabarsuu danda’a. kana Rabbi ni dhiisaaf. Garuu guyyaa hunda salaata fajrii dabarsaa ka’uun hin ta’u.

 

Haaluma walfakkaatuun salaata kaawwanis osoo hojjadhu irraanfadhee sa’aatiin narra dabre jechuu hin dandeettu. Guyyaa hunda Magriiba osoo hojjattu dabarsita taanaan saa’aa hojii kankee sirreessuu qabda. Guyyaa hunda irraanfadhe jechuun hin ta’u. kun badii guddaadha. Dabree dabree guyyaa takka takka irraanfachuun ykn hirribaan salaata of jala dabarsuun rakkoo hin qabu. Ulamaa’iin hundi kun rakkoo akka hin qabne dubbataniiran. Akkuma yaadatteen salaatuu qabda. Rabbillee haala saniin siif araarama. Nama akkanaa irra badii hin jiru. Sababni isaa Rasuulli SAW “akkuma yaadattaniin salaataa, san malee kaffaaraan hin jiru” jedhan.

 

Salaataa beekaa dabarsan irratti ulamaa’iin bakka lamatti qoodamaniiran. Namni salaata beekaa dabarsu, dalagaafis haa ta’u hirribaaf jecha namni beekaa salaata dabarse badii guddaa dalageera. Salaata san deebisee salaatuu qaba kan jedhu ilaalcha garee tokkooti. Gareen biraa ammoo namni salaata beekaa dabarse nama badii guddaa dalageedha. Tawbatee Rabbiin araarama kadhatuudha malee salaata san irra deebi’ee salaatuu hin qabu jedhan.

 

Gareen lachuu tawbatee araarama kadhatuu qaba kan jedhurratti walii galan. Haa ta’u malee inni tokko qadaa deebisuu qaba jedhe. Salaata san deebisee salaatuun badii irra jiru hir’isaaf jedhanii amanan. Gareen lammataa ammoo qadaa deebisuun isa irra hin jiru jedhan. Namni salaata beekaa dabarse kaffaaraa hin qabu. Tawbatee, Rabbii isaa araarama kadhatuun, dalagaawwan kheeyrii dabalataa hojjatuu qaba. Salaata sunnaa heddummeessuudha malee salaata san deebisee salaatuu hin qabu jedhan.

 

Warroota namni salaata beekaa dabarse, qadaa deebisuu hin qabu jedhan keessa sahaabota gurguddoo akka Umar ibn Al Khaxxaab, Abdallaah ibn Umar, Sa’ad ibn Abi Waqqaas, Salmaan al Faarsii, Ibn Mas’uud (hunda isaanii Rabbiin irraa haa jaalatu) dabalatee ulamaa’ii bebbeekkamoo kanneen akka, Al Qaasim ibn Muhammad ibn Al Bakr, Badiil Al Aqilii, Muhammad ibn Sirin, Muxarrif ibn Abdallaah, Umar ibn Abdulaziiz, Daawud Al Zaahirii, Ibn Hazm, Sheikh al Islaam ibn Taymiyyaah, Al Shawkaanii, Shiekh Al Baanii, Ibn Baaz, Ibn Useeymin fi kanneen birootis keessatti argamu.

 

Ragaan gareen lammataa dhiheeffatu ajaja Qur’aanaa Suuratunnisaa’ suuraa 4ffaa aayaa 103 irratti kan argamuudha.

Salaanni waan waytii beekamtuu keessatti  dalaguuf Mu’minarra kaayame

Akka aayaa kanaatitti salaata booda aansuun, xiqqoo jedhee salaata jedhanii yeroo kennuun akka hin taane nutti mul’isa. Rasuula irraa akka himametti namni salaata irraanfatee ykn rafee saa’aa dabarse yeroo yaadatetti akka salaatu karaan godhameefii jira. Haa ta’u malee hadiisni takkalleen nama beekaa dabarseef kan himame hin jiru. Namni salaata beekaatiin dabarse yeroo isaa mijaahetti haa salaatu wanti jedhamu hin jiru.

 

Daliilli ykn ragaan qabatamaan dhufe waan hin jirreef namni salaatni jala dabre yeroo isaaf mijaahetti salaatuu mirga hin qabu. Garuu tawbatee dalagaawwan kheeyrii heddummeessuudhaan Rabbii isaatti dhihaatuu ni danda’a.

 

Dr Zakir Naik

Shiekh Salah Al Munajjid

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 964

Kanas dubbisi!

637: Dubartoonni Yoo Jama’aan Salaatan Miilaan Wal Tuquu Qabanii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Comment

Back to top button