Rabbiin “walaa ta’aawanuu alal ismi wal udwaan…”nuun jedhe. Badii irratti wal hin gargaarinaa, irrattis wal hin sattarinaa nuun jedhe. Dhiiras tahuu dhalaa badii kana dalagan akka irraa deebi’anii towbatan gorsaa. yoo didan ammoo osoo argitan hukmii Rabbii hin didinaa, ofirraa baasaa. Osoo obboleessaa fi obboleettii teeysan tahanillee!
Dr. Liwaa’ulislaam
=============
Nama dilii dalagutti mana kireessuun haala sadihiin laalama
1ffaa: Nama hojii haraamaatiif mana kireeffatutti kireessuu
Fakkeenyaaf namni mana kireeffatu kun wanti mana barbaaduuf, Farshoo keessatti gurguruuf, zinaa keessatti dalagsiisuuf, Mana shubbisaa (Night Club) godhuufi hojii shari’aa Islaamaa keessatti dhoorgamaa tahe keessatti dalaguuf kan kireeffatu yoo tahe, nama akkanaa kanatti mana kireessuun guutumatti haraama. Mallaqni kiraa kanarraa argamus mallaqa haraamaati. Namni haala Kanaan mana kireessee galii irraa argataa jiru, hatantamaan walii galtee kana diigee nama kana mana ofii keessaa baasuu qaba. Dabalataan mallaqa kiraa kanarraa argatee walitti qabates ofirraa basuu qaba. Mallaqa kiraa kanarraa argame namoota harka qalleeyyii ykn dhaabbilee gargaarsaatiif kennee, amma boodaafis hojii akkanaa irraa of eeguu qaba.
2ffaa: Nama hojii halaala taheef ykn keessa jiraachuuf kireeffatu.
Fakkeenyaaf namni mana kireeffatu keessa jiraachuuf ykn dukkaana daldala halaalaa keessatti banuuf kireeffata. Abbaan manaatis waan inni jedheen kanarratti hundaayee kireessaaf. Nama akkanaatiif kireessuun rakkoo takkallee hin qabu. Mallaqni kiraa manaa irraa argamus mallaqa halaalaati. yoo namtichi mana kireeffate kun achi keessatti dilii dalages, abbaan manaa irraa hin gaafatamu. Fakkeenyaaf namtichi kireeffate mana kana keessatti yoo farshoo dhuge, yoo achi keessatti zinaa dalgae abbaan manaa irraa hin gaafatamu. Sababaa dilii namticha mana kireeffateetiif mallaqni kiraa kanarraa argamus mallaqa haraamaa hin tahu.
Haa tahuu malee namni Muslimaa tokko nama amantii biroo hordofutti mana hojiif tahu yoo kireessu, namtichi kireeffate akka waan haraamaa keessatti hin gurgurre too’achuufi dursee akeekkachiisuun barbaachisaadha. Mana kiyya keessatti Farshoo, Foon booyyee fi waan akkanaa hin gurgurin jedhee hubachiisuu qaba.
3ffaa: Abbaan Manaa hojii halaalaatiif kireessee, namni kireeffatu hojii haraamaa dhoysaan keessatti dalaguu.
Fakkeenyaaf Abbaan manaa gaafa mana kireessu “Mana maaliif barbaadda?” Jedhee gaafata. Namni kireeffatu ammoo “Mana bunaa ykn Kaaffee keessatti banuu fedha” jedhee irraa kireeffata. Eega haala kanarratti walii galanii mana kireeffatee booda, halkan halkan dhoysaan farshoo keessatti gurguruu eegala. Haala kana keessatti Abbaan manaa wanti irraa gaafatamu hin jiru. Diliin hundi tan abbaa mana kireeffatee taati. Kanas tahu abbaan manaa yoo waan mana isaa keessatti dalagamaa jiru kana irratti beeke, osoo oolee hin bulin walii galtee addaan kutee namticha ofirraa baasuu qaba.
Sheikh Saalah Al Munajjid