header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

649: Hukmiin nama osoo ibaadaa qabu zinaa dalaguu maali?

Estimated reading time: < 1 min

 

Yaa gabroottan Rabbii!  Wanni dalagaa namaa balleessu shirkii, Kufrii fi Murtaddummaadha. Haata’uu ammoo namtichi osoo salaatu, osoo zakaas kennatuu, osoo soomana soommanuu fi hajjiis deemu Zinaa dalagu kun; Rabbiin isa haa qajeelchu, badii guddaa irra jira. Diliin guddoon shirkitti aantu zinaadha. Dalgaan isaa inuma irraa qeebalamti. haata’u ammoo zinaa dalaguu isaatiif azaabni isaaf ol kaahame akkaan hamaa waan taheef dafee haa towbatuu. irraahis haa deebi’uu. Qixaaxa isa eeggatu keessaa tokko wanti inni dhugu malaa qaama saalaa dubartii keessaa bahuudha. Ibiddi azaabaa isa eeggatus kan kophaati. Kanaaf jecha namni ibaadaa qabu ibaadaa isaallee hin qisaasin. towbatee zinaa dhiisee gara Rabbii isaatti deebi’uu qaba.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 6
Views: 2370

Kanas dubbisi!

654: Nama raagu bira dhaqanii dawaa fudhachuun akkamitti laallama?
643: Nama Zinaa Dalagutti Mana Kireessuun Ni Tahaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

2 Comments

  1. Gaaffii?
    Ani doctor hedduu bira dhaqe raaji hedduus ajajamee ka’ee wanti naaf foyyeesse tokko hin jiru garuu dhibee kee narvii Naan jedhu waggaa 10 ture
    Osoo hin fayyiin kana booda sheekkota jedhani namoonni dawaa dibattu Kan dhugduu fi Kkf kennu ni jiru dhibeen kee jinni fi sihrii hakimaan wal hin qabatu jechuun odeeffannoo argadhee jarrii kuni hadiisa sirritti beekan ani keessaa isaani hin beekuu dawaa isaan Kennan fudhachuun akkaami sheri’aa keessaatti ?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button