header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

653: Bishaan qofaan istinjaa godhuun tahaa?

Estimated reading time: < 1 min

 

Istinjaan bifa lamaan godhama. Kan duraa bishaan qofaan dhiqachuudha. Kan lammataa wanta gogaa akka dhagaa, baala, waraqaa, tishuu (sooftii) fi wantoota birootiin tolchanii ofirraa haquu fi goggoysuudha. Inni kun istijmaar jedhama. Namni istijmaar godhate bishaaniin irra deebi’ee dhiqachuun dirqamaa miti. Yoo dhiqate ammoo gaariidha malee badii hin qabu. Kanaafuu bishaan qofaan istinjaa godhuun ni taha.

Dr. Liwaa’ulislaam

 

Bishaan qofaan Istinjaa godhuu fii wanta goggogaadhaan istijmaara qofa godhuun gahaa tahuu irratti ulamaa’iin hundi waliif galanii jiran. Haata’u malee namni istijmaara godhu yoo xiqqaate wanta istijmaara ittiin godhu saniin yeroo sadi sirritti goggoysuu qaba. Kan biraa ammoo namni bishaan qabu istijmaara godhuu irra bishaanumaan dhiqatuutu irra gaariidha.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 1334

Kanas dubbisi!

671: Namni akkaan ariifate tayammumaan salaatuu danda’aa?
641: Intalti Heydii irra jirtu Ka’abaa Yoo Xawaafte Maaltu irrajira?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button