header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

656: Nama waa namaa kennee namatti gaabbu akkam godhan?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Namni tokko dura amaanaa tokko na bira kaayyatee, amaanaa san naa kenne; booda as garagalee amaanaa san naa kenni yoo naan jedhe maaliin jedhaan?

 

 

Deebisaa: Nabiin SAW akki jedhan, “Namni waan tokko namaa kennee waan sanitti gaabbe, Akka saree haqqistee haqqisaa isii san deebitee arraabdeeti.”  Namni waa namaa kennee namatti gaabbu waan fokkataa dalagutti jira. Gama hundattuu namni tokko waa sii kennee yoo sitti gaabbe, waan san isaaf deebisuun sirratti dirqamaa miti. Rabbiinis irraa si hin gaafatu. Garuu haasaawa ofirraa gabaabsuuf, dubbiin akka hin babal’anne godhuu yoo feete, waan isaa ofirraa deebisuu mirga qabda. hin deebisu jettee yoo itti fayyadamtes mirga keeti.

Dr Liwaa’ulislaam

 

Ibsa dabalataa

Namni tokko waa sii kennee waan san yoo deebi’ee sitti gaabbe, wajji jireenya hawaasummaa tolchuuf jecha waan isaa deebisuufiin irra gaariidha. Sababaa san isaan wal dhabdanii obbolummaan teessan addaan cituu irra, waan inni sitti gaabbe deebisteefii nagaya buusutu irra siif caala. Hin deebisu jettee yoo didde irraa hin gaafatamtu. Garuu wajji jireenyi hawaasummaa islaamummaa keessatti bakka guddaa qaba.

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 627

Kanas dubbisi!

684: idaa nama du’erra jiru akkamitti deebisan?
642: Kaardii Mobaayilaa 1 bitee dogongoraan 2 naaf kenne. maal godhuu qaba?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button