header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

663: Masjiida dhiqanii mallaqa fudhachuun rakkoo qabaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Ani Rabbiif jecha if qabee Masjiida qulqulleessaa jira. An homa tokko hin barbaadu. Ammoo Manguddoon Masjiidaa walii galanii dalagaa kiyya kana jaalatanii yoo na gargaaran, Ajrii tiyya na jalaa balleessitii?

 

 

Deebisaa: Masjiida tajaajiluu irratti waan Rabbi si gargaareef Rabbii keetii galata galchi. Masjiida haxaawuun Mahrii Huural eeyniiti. Ati homaa hin barbaadu jettee masjiida qulqulleessaa osoo jirtu, osoo ati hin gaafatin yoo namni si gargaare, Rabbumatu waan san siif erge. Ajriin kee waa takkallee hin badu. Ammoo osoo naa kafalaa jettee gaafattee fudhattellee rakkoon takka sirra hin jirtu.

Dr Liwaa’ul Islaam

==============

 

Fatwaa biyya alaa

Masjiida keessatti qaxaramanii hojjachuudhaan miindaa fudhachuun rakkoo hin qabu. Ulamaa’iin akka walii galtetti yoo danda’ame namni osoo tola Masjiidaaf dalagee irra jaalatamaadha. Hadiisni Ergamaan Rabbii SAW waa’ee Mu’azzinaa irratti dubbatanis kanuma akeeka. Usmaan ibn Abi Al Aas Rabbi irraa haa jaalatuu Ergamaan Rabbii SAW imaama ummata isaa akka isa godhan gaafate. Rasuullinis SAW “Ati imaama ummata keetiiti, dadhabaa keessan sirritti too’adhu, akkasumas mu’azzina kaffaltii hin gaafanne barbaadii akka azaanu godhi” jedhaniin.

 

Kanarraa kan hubatuu dandeenyu, mu’azzinni tolaan masjiida tajaajilu, mu’azzina kaffaltii barbaadu irra caaluu isaati. Haa ta’u malee Mu’azzina saniif mallaqni Baytal Maal irraa fuudhamee yoo kaffalameef rakkoo hin qabu. Sababni isaa Baytal maal dalagaan isaatuu hawaasa muslimaa tajaajiluudha. Namni azaanu ammoo hawaasa muslimaa tajaajiluu irratti argama. Koreen Masjiida tajaajiluudhaaf hundaa’e mallaqa walitti qabee, namoota Masjiida tajaajilaniif mallaqa kaffaluun rakkoo hin qabu. Sababni isaa Mu’azzinni sun Azaanaaf jecha gara biraa deemee dalaguu waan hin dandeenyeef galii argachuun itti ulfaata. Yoo mallaqa argachuu dadhabe ammoo gara biraa deemee rizqii barbaaddatuu danda’a. kanaafuu namoota Masjiida tajaajilaniif kaffaltii ji’aa kennuun rakkoo hin qabu.

 

Biyyoota muslimaa heddu keessa namoota Masjiida akka qulqulleessaniif qaxaramantu jira. Namoota kanniiniif mallaqa guddaatu kafalama. Haa ta’u malee namoonni qaxaraman kunniin mallaqa isaaniif kafalamu guddaa san irraa mallaqa xiqqoo namaaf kafaluudhaan namni biraan akka masjiida qulqulleessu taasisan. Warra qulqulleessu kanniiniif mallaqa xiqqoo qofa kafalaa, ofii isaaniitii ammoo osoo homaa hin dalagin mallaqa guddaa fudhatan. Kun dogongora. Haraama guddaadhallee. Haqa namaa nyaatutu keessa jira. Awqaafni ykn ammoo dhaabbanni masjiida san tajaajilu mallaqa san nama qulqulleessuuf bajata godhee ramade. Kanaafuu mallaqni kun guutumaan guututti nama masjiida san qulqulleessuuf kennamuu qaba. Saniin ala namoonni gariin jidduun mallaqa fudhataa, lammiilee biyya biraatii dhufaniif ammoo mallaqa xiqqaa kan kafalan kun sirrii miti. Haqa namaa nyaachutu keessa jira.

 

Shiekh Saalah Al Munajjid

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 445

Kanas dubbisi!

664: Hoteela foon booyyee itti gurguramu keessa hojjachuun akkami?
651: Harka bitaatiin tasbiiha godhuun hayyamamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button