Gaafii: Namni tokko osoo karaa deemuu, salaataaf yoo iqaaman dhagahe, wudu’achuuf yeroo hin qabu, salaatni akka isa hin dabarreef tayamumaan salaatuu danda’aa?
Deebisaa: Wanti hubatamuu qabu, hukmiin shari’aa akkaataa Rabbiin lafa kaayeen deemti. Fedhinnaa namaatiif jecha seerri hin jijjiiramu. Rabbi ajaja isaatiin yoo bishaan dhabdan tayammuma godhaa jedhe malee, waan waqtiin gaheef tayammuma godhaa nuun hin jenne. Kanaafuu osoo bishaan jiru namni tayammuma godhee salaate salaatni isaa jalaa bada.
Dr Liwaa’ul Islaam
==============
Fatwaa biyya alaa
Sheikh ibn Baaz Rabbi rahmata isaa haa godhuu nama osoo bishaan jiruu tayammuma godhuu irraa gaafatamee ture. Wayta deebisus, kun badii guddaadha. irraa dhoorkamuu qaba jedhe. Sababni isaa Yeroo bishaan jirutti wudu’a godhuun salaatni nama tokkoo fayyaa ta’uudhaaf ulaagaa ijoodha. Rabbi qur’aana keessatti akkana jedhe;
Yaa warra Rabbitti amantan, Yoo salaatatti ka’uu feetan fuula keessan dhiqaa, harka keessan lamaanis ciqilee waliin dhiqaa, mataa keessan bishaaniin tuqaa, Miila keessan lamaanis koomee waliin dhiqaa. Yoo janaabtaa qabaattan if xahaarsaa. Yoo kanneen dhukkubni isinitti jiru taatan, yoo imaltuu jiraattan, takkaa hammama irraa yoo deebitan, takkaa yoo dubartii tuyxan, bishaan ittiin dhiqattan yoo hin argannee, biyyee xaahira barbaaddadhaa…. (Maa’idaa 5:6)
Imraan ibn Huseeyn Rabbi irraa haa jaalatuu, “Ergamaa Rabbii SAW waliin imaltuu baanee turre. (yeroon salaataa geenyaan) imaama ta’anii salaachisan. Namni tokko ammoo ummatarraa adda bahee dhaabbate. Ergamaan Rabbiitis SAW “maaltu salaatarraa si dhoorke?” jedhanii gaafatan. Sahaabichis, “janaabaa waliin manaa bahe, bishaan ammoo hin jiru” jedhe. Ergamaan Rabbiitis SAW “biyyee qulqulluun tayammuma godhuu ni dandeetta. Sun siif gahaadha” jedhaniin. (Muttafaqun aleeyh)
Akka aayaa qur’aanaa fi hadiisarraa hubannutti salaataaf bakka bishaan hin jirretti tayammuma godhuu ni dandeenya. Bakka bishaan jirutti garuu tayammumni hin ta’u. namni muslimaa bakka fedhes jiraatu, yoo janaabe ykn ammoo yoo wudu’a cabse bishaan argannaan bishaan fayyadamee of qulqulleessuu qaba. Osoo bishaan jiru sababaadhaan maletti tayammuma godhuu hin danda’u. osoo bishaan jiru tayammuma godhee yoo salaate salaatni isaa jalaa bada. Sababni isaa ulaagaa ijoo salaatni fayyaa ittiin ta’u hanbise.
Osoo bishaan jiru yeroon tayammumni hayyamamu ni jira. Fakkeenyaaf bakki bishaan jiru haalaan fagoo ta’ee dhaqee fiduudhaaf yoo hin dhaqqabne, ykn ammoo bishaan xiqqoo kan lubbuu isaafii lubbuu beeyladootaa ittiin tursiisuuf kaayate qofa yoo qabaate, lubbuu tursiisuun dursa waan argatuuf tayammuma godhuun ni gaha. Akka aayaa qur’aanaa irraa barannetti, Namni imaltuu irra jiru yoo bishaan dhabe qofa tayammuma godhuun isaaf hayyamama.
Sheikh Saalah Al Munajjid