header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

674: Namni Janaabe biyyeen tayammuma godhee salaatuu danda’aa?

Estimated reading time: 2 min

Gaafii: Namni tokko janaabtaan itti jiraatee yoo biyyeen tayammuma godhee salaate salaatni isaa akkami?

 

 

Deebisaa: Namni tokko haadha warraatti dabalamee yoo janaabta’e, takkaa manaamaan yoo janaabta’ee, dubartiin ammoo heydii xahaarachuuf, akkasumas dhiiga dayaarraa qulqullaawuu yoo barbaadde, bishaan jiraannaan bishaaniin xahaarachuun dirqama. Bishaan jiraatee qabbanaaf yoo hin dandeenyee ammoo tayammuma godhuun ni danda’ama. Bishaan jiraatee yoo waan itti hoo’ifatu dhabes rakkoo hin qabu. Kun kan eeyyamamu nama dhukkuba qabuu fi lubbuu isaatiif sodaateedha. Haa ta’u malee dhukkuba xixiqqaaf jecha qabbana jedhaa gara tayammumaa deemuun hin barbaachisu. Rabbiin yoo bishaan dhabdan tayammuma godhaa jedhee nuu laaffise. Bishaan dhabuu jechuun mana ofii keessaa qofa dhabuu miti. Ollaa kallattii hundaan jiru, kan kaabaa, kan kibbaa, kan bahaa fi kan dhihaatirraa barbaadanii yoo dhaban gara biyyee deeman. Salaata haala Kanaan salaatan deebisuun dirqamaa miti.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

==============

 

Fatwaa biyya alaa

 

Namni janaabta’e salaatuun duratti qaama isaa dhiqatuun dirqama itti ta’a. Yoo bishaan dhabe ykn ammoo bishaan jiraatee lubbuu isaatiif yoo sodaate qofa tayammumni isaaf gaha.

 

Rabbi qur’aana keessatti akkana jedha;

Yaa warra Rabbitti amane, Yoo salaatatti ka’uu feetan, fuula keessan dhiqaa, harka keessan lamaanis ciqilee waliin dhiqaa, mataa keessan bishaaniin tuqaa, Miila keessan lamaanis koomee waliin dhiqaa. Yoo janaabtaa qabaattan, if xahaarsaa. Yoo kanneen dhukkubni isinitti jiru taatan, yoo imaltuu jirtan, takkaa bakka hagdan irraa yoo deebitan, takkaa yoo dhalaa tuyxan, bishaan ittiin dhiqattan yoo hin argannee, biyyee xaahira barbaaddadhaa…. (Maa’idaa 5:6)

 

Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan, “Muslima tokkoof biyyeen qulqulluun wudu’a isaati, osoo bishaan waggaa kudhaniif dhabelle. Garuu bishaan yoo argate, Rabbii isaa sodaatee qaama isaa bishaan tuqsiisuu qaba. Kanatu isaaf caala” (Al bazaar gabaasee Albaaniin Sahiiha keessatti galmeesse. Sahiih al Jaami’ 3861)

 

Namni janaabtaadhaan ka’ee bishaan osoo jiru qorra sodaate, bishaan san hoo’ifatuu qaba. Osoo hoo’ifatee dhiqatuu danda’u sababaa biraa dhiheeffatuu hin danda’u. Haa ta’u malee bishaan qaama isaa yoo tuqe, hoo’aanis ta’e qabbanaawwaan yoo lubbuu isaatirratti dhiibbaa ka fiduu tayammuma godhuu mirga qaba. Yeroo salaataatu na jala darbe ykn ammoo yeroo hojiititu na jala darbe jechuun tayammuma godhuu hin danda’u. Akkuma qur’aana keessatti ibsame nama dhukkubsatu, nama imaltuu irra jiruu fi nama bishaan hin arganneef tayammumni hayyamame.

 

Namni sababaa quubsaa takkaan maletti osoo bishaaniin dhiqatuu danda’u tayammuma godhee yoo salaate, salaata san deebisuu qabaata. Gabaabumatti namni janaabtaan itti jiraatee dhiqatuu danda’u, dhiqatuun dirqama isaati. Namni bishaan ollaa irraallee argatuu hin dandeenyee fi bishaan mana keessa jiru ammoo kan lubbuu ittiin tursiifatu qofa yoo ta’e tayammuma godhuu mirga qaba. Akkasumas namni dhukkubsate, kan imaltuu irra jirus tayammuma godhuu ni danda’a. Namni sababa qorraatiin dhibee sodaatee fi wanti kun kan mirkanaaye ykn ammoo ajajame yoo ta’e tayammumaan salaatuu ni danda’a.

 

Shiekh Saalah Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 925

Kanas dubbisi!

675: Rifeensa Gabaabsuun Dubartiif Hayyamamaa?
671: Namni akkaan ariifate tayammumaan salaatuu danda’aa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button