header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

672: Namni tashahhuda duraa irraanfate akkam godha?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Namni salaata Zuhrii, Asrii, Magriibaa fi Ishaa’ii osoo salaatu tashahhuda duraa irraanfatee osoo ol ka’aa jiru yaadate akkam godha?

 

 

Deebisaa: Tashahudni duraa waajiba. Namni waajiba beekaa dhiise salaatni isaa jalaa bada. Yoo irraanfiidhaan ta’e ammoo sujuuda sahwiin bakka guuta. Kanaaf jecha namni osoo ol ka’aa jiru yaadate gad taa’uu qaba. Ammoo namni ol ka’ee diriiree dhaabbate gad taa’uu hin qabu. Imaamallee osoo ta’ee akkuma dhaabbatetti itti fufuu qaba. Salaata isaaf hafe eega guuteen booda sujuuda sahwii gad bu’uun salaata xumuruu qaba.

Dr Liwaa’ul Islaam

 

================

Fatwaa biyya alaa

Namni tokko tashahhuda jalqabaa irraanfatee raka’aa sadaffaatiif yoo dhaabbate, akka ulamaa’ii irra hedduutitti deebi’ee taa’uu hin qabu. Eega dhaabbateen booda osoo beeku namni deebi’ee taa’e salaatni isaa ni bada. Sababni isaa raka’aa waajibaa jalqabee jira. Waan waajiba ta’e balleessuun salaata balleessa. Eega dhaabbateen booda salaata isaa ittuma fufee xumura irratti sujuuda Sahwii (Sujuuda irraanfii) bu’uu qaba.

 

Al Mugiiraa ibn Shu’bah akkana jedhe. Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan. “Imaamni tokko raka’aa lammataa booda osoo taa’uu qabuu yoo ol ka’e, ol qajeelee yoo hin dhaabbatinii taa’uu qaba. Yoo qajeelee dhaabbate ammoo taa’uu hin qabu. Salaata isaa xumuree dhumarratti Sujuuda irraanfii lamaan bu’uu qaba. (Abu Daawud, 1036)

 

Gabaabumatti namni tashahhuda irraanfatee raka’aa sadaffaatiif ol ka’e, waan kanniin sadan raawwatuu qaba;

1.Osoo qajeelee hin dhaabbatin yoo yaadate deebi’ee taa’uu qaba

 

2.Eega dhaabbateen booda osoo faatihaa qara’uu hin jalqabin yoo yaadate, osoo taa’uu baatee wayya. Yoo taa’es salaatni jalaa hin badu

 

3.Eega dhaabbatee faatihaa qara’uu jalqabeen booda yoo yaadate, deebi’ee taa’uu hin qabu.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 796

Kanas dubbisi!

680: Hoggaa salaatan harka eessa bira kaayan?
671: Namni akkaan ariifate tayammumaan salaatuu danda’aa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button