header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

680: Hoggaa salaatan harka eessa bira kaayan?

Estimated reading time: 2 min

Gaafii: Namni tokko tokko hoggaa salaatu harka isaa gad diriirsee salaata. Warri harka isaanii osoo qomarra hin kaayanne gad diriirsanii salaatan salaatni isaanii akkam?

 

 

Deebisaa: Wayta salaataa harka bitaa qoma irra kaayatanii harka mirgaa ammoo harka bitaa gubbaan kaayuun sunnaa Nabii keenyaati SAW. Nabiin keenya SAW “Akka anaa salaatu na argitanitti salaataa” jedhan. Haa ta’u malee warri harka isaanii gad diriirsanii salaatanillee, salaatni isaanii dogongora jechuudhaa miti. namni akkanaa nama sababa mazhabaatiin haala garagaraa hordofuudhaaf dirqameedha. Kanaafuu namoota haala Kanaan salaatan yoo argines kara hin taanetti fudhatuu hin barbaachisu. Haaluma gaariidhaan sunnaan Nabii keenyaa akkana jennee isaan barsiisuun barbaachisaadha.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

===============

 

Fatwaa biyya alaa

Sahal ibn Sa’ad Rabbi isarraa haa jaalatuu akka gabaasetti, ‘namoonni wayta salaatan harka isaanii kan mirgaa harka isaanii kan bitaa irra akka kaayan ajajamaniiran’ jedhe. (Sahiih Al Bukhaarii, 740)

 

Ibn Abbaas Rabbi isarraa haa jaalatuu akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan, “Nuti ergamtoonni Rabbii suhuura keenya akka tursiisnuu fi faxara keenya ammoo akka daddafsiifnu, wayta salaatnu ammoo harka keenya kan mirga harka bitaa irra akka keenyu ajajamneerra.” (Ibn Hibbaan sahiihaa isaa keessatti galmeesse, 3/13-14)

 

Hadiisota kanniin lamaan irraa hubatuu akka dandeenyutti namni hoggaa salaatu harka isaa gad diriirsu dogongora dalaguurratti argama jechuudha.

 

Ibn Abd al Barr akkana jedhe, “wanti addaa kan Nabiyyii irraa gabaafame hin jiru. Sahaabonnii fi Taabi’oonni hundi harka isaanii qoma gubbaa kaayachuurratti walii galaniiru.”

 

Haalli kun warra mazhaba Maalikii hordofu bira jira. Kitaaba warra Mazhaba Maalikii hordofan irratti; ‘namni tokko sunnaa hordofuu niyyatuudhaan ykn ammoo niyyaadhaan maletti akkanumaan harka isaa qomaa gaditti handhuuraa olitti wayta salaata fardii fi sunnaa yoo kaayate rakkoo hin qabu. Haa ta’u malee itti irkatuu niyyatee ykn ammoo akka itti tolu qofaaf jecha yoo harka isaa qoma irra kaayate jibbamaadha’ jedha.

 

Barataa Maalikii keessaa tokko kan ta’e Al Baajiin akkana jedhe, “Maalik harka qomarra kaayachuun jibbamaadha kan jedheef, namni aadiin harka qoma irra kaayatuun dirqama salaata keessaa seha. Yoo harka qomarra hin kaayanne salaatni waan jalaa badu itti fakkaata.”

 

Yaada kanarraa hubatuun akka danda’amutti harka qomarra kaayatuun sunnaa Rasuulaa ta’uu isaati. Akka gabaasaaleen tokko tokko ibsanitti imaamu Maalik qaadii ta’i jedhamee gaafatamnaan dide. Sababa kanaafis reebamee ture. Tumaa Kanaan waan harki isa miidhameef, harka isaa qomarra kaayatuu dhiisee gad diriirsee salaate. Namoonni isaa akkasitti salaatu argan ammoo sunnaan isa itti fakkaatee hordofan.

 

wanti beekamuu qabu, osoo imaamu Maalik harka isaa diriirsee salaateeyyuu, ajaja Rasuula Rabbiitu SAW irra fudhatama argachuu qabaata. Ajaja imaama kamiituu olitti kan bakka argatuu qabuu fi xiyyeeffannaa keessa galfamuu kan qabu waan Rasuulli SAW ajajaniidha.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 548

Kanas dubbisi!

681: Du’aa’iin sujuuda sahwii keessatti jedhan tami?
672: Namni tashahhuda duraa irraanfate akkam godha?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button