header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

677: Nikaahni nama duubaan godhamu akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Anaa fi intalti takka wal jaalanne. Eega wal jaalanneen booda warri keenya lamaan walitti dhufanii nikaya nama godhus waaman. Garuu guyyaa nikaaha godhan san ‘eenyuun bakka buufatta’ naan hin jenne, ‘hayyama godhi’ naan hin jenne. Anuma duubaan nikaaha godhan. Nikaan kun akkamitti laallama?

 

 

 

Deebisaa: Nikaahni ulaagaa afur ykn shan qaba. Inni duraa, abbaan intalaa intala namaa kennuudha. Ta lammeessaa namni intala san fuudhu achi jiraachuudha. Ykn ammoo namni inni bakka buufate achi jiraatee yoo namni kuun heerumsiise jedhu inni bakka bu’ee qeebale jechuudha. Haala amma gaafatame kana keessatti eenyutu qeebalateree? Ati bakka san hin jirtu, namni ati bakka buufatte waan hin jirreef irra deebi’uu qabda. Bakka sanitti itti deebi’aatii abaluun maqaa dhahaa irra naa deebi’aa jedhiin. Nikaaha namni godhu abbaadha. Wanti sheekni bakka nikaahaa sanitti qara’u sunnaadha. Abbaan intala nama lama of bira kaayee abaluu abaluutiif intala tiyya kenne yoo jedhe, namni ati bakka buufatte, anilleen qeebaleef jennaan nikaahni hidhameera.

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 1257

Kanas dubbisi!

683: Dubra xixiqqoo heeruma hin gahin nikaaha namaa godhuun akkami?
667: Osoo wal hin tuqin siree tokkorra buluun zinaa jedhamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

2 Comments

  1. Nama amantii kiristaanaa hordofuun yeroo ayyaana isaanii baga ittin isin gahe jechuun akka Shariyaa keenyatti akkamitti laalama?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button