header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

683: Dubra xixiqqoo heeruma hin gahin nikaaha namaa godhuun akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Ijoollee dubraa daa’imman umriin isaanii xiqqaa tahe yoo nikhaha hidhan, nikeenni sun ni tahaa?

 

 

Deebisaa: Nikaahni waan taphaa osoo hin taane waan akkaan jabaadha. Kanaafuu xiqqeenyaa fi guddina yookaan qabeenyaa fi hiyyummaadhaan adda hin baafamu. Hukmii Shari’aa keessatti ijoollee xixiqqoo nikhaha hidhuun ni jira. Ragaan kanaa-Sahbtichi guddaan Abi Bakhri As-Siddiiq-Rabbiin dalagaa isaa gaggaarii irraa haa jaalatuu- intala isaa A’ishaa (RA) tan amata 6 ykn 7 jirtu nabii keenyaaf (SAW) nikhaha hidhe. Ijoollee turte. Intala xiqqoo nikhaha yoo kan hidhan taate wanti isii iznii gaafatanis hin jiru. Abbaan nikhaha godhuu danda’a. Haatahutii intalti sun yoo nikhaha saniin guddatte, gurbaadhaaf jaartiidha. Yoo ammoo hin fedhu jette sun isii ilaalti. Garuu Nikaan bakkuma jira.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

==============

 

Ibsa dabalataa

 

Namni intala dubraa qabu osoo isiin umrii heerumaa hin gahin, nama haala gaariin isii bulfata jedhee amanuuf nikaaha godhuu mirga qaba. garuu hanga xuriin laguu itti dhufee isiin heeruma geeysutti ofuma bira tursiisuu qaba. gaafa isiin heeruma geeysee xuriin laguu itti dhufe hayyama isii gaafachuun dirqama. “nama kanaaf si kennee jira. itti heerumtee wajji jiraachuu feetaa?” jedhee isii gaafachuu qaba. yoo isiin hayyamte heerumsiisuu mirga qaba. yoo isiin didde ammoo nikaaha kana irraa buusuun dirqama. fedhinnaa intalaa malee dirqiin heerumsiisuun shari’aa islaamaa keessatti dhoorkaadha. Dhimma dirqiin heerumsiisuutiif deebisaa quubsaa gaafii 562 irraa dubbisi!

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 1082

Kanas dubbisi!

692: Namni bultii jaaruuf walii kakatee kakuu diige akkam godhuu qaba?
677: Nikaahni nama duubaan godhamu akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button