header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

703: Yeroo wuduu’a godhan akkamitti kaalsii irra haqan?

Estimated reading time: 2 min

Gaafii: Hukmii shari’aa keessatti kaalsii irratti akkamiin haquu danda’an? Akki haqan hoo akkam? Yeroon haqan hoo yeroo akkami?

 

 

Deebisaa: Namni tokko shurraaba ykn kaalsii irra haquudhaaf heeraa fi seera guuttachuu qabutu jira.

 

Yeroo:Yeroon kaalsii irra haquun namaaf hayyamamu yeroo lama. Ka duraa namni tokko osoo imaltuu hin deemne biyyuma jiru keessatti haquu yoo fedhe yeroo saa’aa 24 qofaaf irra haquu danda’a. kan lammeeysaa namni imaltuu keessatti haquu fedhe, saa’aa 72f ykn guyyaa sadihiif kaalsii irra haquu danda’a.

 

Namni kaalsii irra haqee salaatuu fedhu, kaalsii san Jalqaba osoo wuduu’a qabu godhachuu qaba. Osoo hin wudu’anne akkanumatti kaalsii godhattee, san booda wudu’attee yoo irra haqxe salaatni kee fudhatama hin qabu. Kanaafuu sharxii massii ykn irra haquurraa inni 2ffaa wudu’attee wudu’arratti kaalsii godhachuudha. Fakkeenyaaf ganama wudu’attee san booda kaalsii godhattee eega baateen booda, salaatni zuhrii yoo gahe irruma haquu dandeessa. Sababni isaa wudu’a kee ganama wudu’atteerta waan ta’eef.

 

Kan sadaffaa kaalsiin sun xahara ta’uudha. Kaalsii xahaaraa hin qabne godhatanii salaatuun hin hayyamamu.

 

Afraffaan Kaalsii san ofirraa baasuu dhabuudha. Jalqaba wudu’a godhattee achi booda kaalsii yoo uffatte. Kaalsii san ofirraa baasuu hin qabdu. yoo kaalsii ofirraa baaste wudu’a guutuu gootee miilas bishaaniin dhiqachuu qabda. Ammoo yoo janaabooyte kaalsii ofirraa baasuu qabda.

 

Akkaataan itti haqanis miila wal qixxeessuun harka mirgaatiin miila mirgaa, harki bitaatis miila bitaa haqa. Kan haqaniinis quba afran qofa. Bakki haqanis gubbaadha malee gama jalaatii miti. Harka tokkoon gubbaa haqanii harka tokkoon jala haquun hin danda’amu. Ammoo dabareedhaan luka tokko haqxee kan lammataa yoo haqxes rakkoo hin qabu.

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa
Yeroon turtii kophee fi kaalsii irra haqan sa’aatii irra haqan irraa jalqaba. fakkeenyaaf namni tokko salaata fajriitiif wudu’a godhee yoo kaalsii godhate; booda salaata zuhriitiif wudu’a godhee harka lameeniin kaalsii isaa irra haqa. Yeroon isaaf hayyamames sa’aa zuhrii kanarraa eegala. Sa’aa kanarraa eegalee hanga boru salaata zuhriitti kaalsii isaa osoo hin baafatin irra haqaa salaatuu mirqa qaba. Malee sa’aa kaalsii godhate yeroo salaata fajrii irraa eegalee hin lakkaayu.

 

Akkaataan kaalsii itti haqanis akka asii gadiiti. Jalqaba wudu’a guutuu godhatee wayta miila bira gahu, miila isaa lameen walitti maxxansee harka isaa lameen bishaaniin jiisa. Yeroo kana harka mirgaatiin miila mirgaa, harka bitaatiin ammoo miila bitaa gama gubbaatiin qubbeen irraa jalqabee ol haxaawa. Yeroo haxaawu kana qubeen harka isaa addaan babbanuu qaba. akka qubni kaalsii haala gaariin dhaqqabuuf.

 

Sheykh ibn Useeymiin (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedhe;

“wanti irra haqamu gubbaa kaalsiiti. Qubbeen harka isaa lamaanii fayyadamee gubbaa miila isaa yeroma tokko haqa. Miila lachuu yeroma wal fakkaatu haquu qaba. Akkuma yeroo wudu’aa gurra isaa waluma faana haqutti, miilas yeroma tokko haqa. Hadiisaan kan nuuf gabaafames kanuma akeeka. Al Mughiiraa ibn Shu’baa, ‘Rasuulli (SAW) miila isaa lameenuu gama gubbaatiin haqe’ jedhee gabaase malee, ‘luka mirgaa irra haqee itti aansuun miila bitaa irra haqe’ nuun hin jenne. Kanaafuu akka sunnaadhaan dhufetti lameenuu yeroo wal fakkaataa irra haquu barbaachisa.”

 

Namni sababaa garagaraatiin harka lamaan fayyadamuu hin dandeenye ammoo, miila isaa kan mirgaa irraa haa jalqabu. Namni gariin harka lameeniinuu miila mirgaa irra haqee, harka lameeniin miila bitaa itti aansa. Haala kana wanti akeeku kan karaa sunnaatiin nu dhaqqabe hin jiru.

 

Kaalsii jala haquudhaan wal qabatee Sheykh ibn Useeymiin (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedhe;
“Namni gariin jala kophee ykn kaalsiitu irra xuraawaa waan ta’eef jala haquu qabna jechuu danda’a. Garuu xiyyeeffannee yoo ilaalle gubbaa kaalsii haquutu qalbittuu namaaf fudhatama. Sababni isaa kaalsii irra haquun qulqulleessuuf osoo hin taane, ibaadaa bakkaan gahuudhaaf dalagama. Ammoo jala haqna yoo jenne, bishaaniin waan jiisnuuf ta haftee xureessuu taati malee qulqulleessuu hin taatu.” Jedhe.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 1055

Kanas dubbisi!

702: Gogaa Qeerransaa uffachuun akka shari’aa islaamaatti akkamitti laallama?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Comment

Back to top button