Gaafii: Dubartootni wal gahanii hajjii fi Umraa godhuu dandahanii?
Deebisaa: Yaa Gabrittii Rabbii, Muslimtittiin takka wayta Rabbiin dirqama isiirra kaaye, waan Rabbiin isiirra kaaye fudhachuu qabdi. Fakkeenyaaf Heydii irratti godhuu kanas fedhii Rabbii kiyyaati jettee fudhachuu qabdi. Akkuma san Hajjiin nama cufa irratti waajiba. Duuba sharxiin hajjii waa hedduu keessatti dhiiraa fi dubartootni waluma qixa qaban. Garuu wanti dubartii adda godhu, nama hajjii isii goosisu qabaachuudha.
Bakki ati jiraattu yoo kan magaalaa Makkaa irraa kan fagaatu taate, dubartiin takka karaa dheeraa Hajji jettee deemuun dhoorkaadha. Akkuma san Umraadhaafis waluma fakkaataadhaa. Yoo rahima argatte qofa hajjii fi umraas godhuu dandeetta. Abbaa kee, Akaakoo kee, Adeera kee, Eessuma kee, ilmoo tee, ilmaan ilmaan keeti, dhiirralaallee haa ta’u dubartoota irraa ijoollee ati akkoo taatuuf, akkasumas warra adaadaa ykn haboo taatuuf wajjiin malee kophaa dubartiin hajjiif deemuun dhoorkaadha.
Dr Liwaa’ul Islaam
Fatwaa biyya alaa
Dubartii muslimaatiif mahrama malee hajjii godhuun dhoorkaadha. Mahrama jechuun fira dhihoo itti heerumuu hin dandeenyeedha.
Sheikh ibn Useeymiin (rahimahullah) akkana edhe, dalagaan kun (hajjii fira dhihoo malee godhuun) haraama. Sababa isaatis hadiisa ibn Abbaas (Rabbi irraa haa jaalatuu) irraa arganna. Ibn Abbaas (Rabbi irraa haa jaalatuu) akkana jedhe: “Ani Ergamaa Rabbii Sallallaahu Alayhi Wasallam isaanii “dubartiin fira dhihoo malee imaltuu hin bahin” jedhanin dhagahe. Namni wahii ol ka’ee, “Yaa Ergamaa Rabbii, haati warraa tiyya Hajjiif kaateerti. Ani ammoo duula kanarratti hirmaatuudhaaf qophaayeera” jedhe. Egamaan Rabbiitis Sallallaahu Alayhi wasallam “Deemi haadha manaa tee faana Hajjii godhi” jedhaniin. (Sahiih al Bukhaarii 3006, Muslim 1341)
Kanaafuu dubartiin Mahrama malee Hajjii godhuu hin dandeettu. Mahrama jechuun fira dhihoo isii kan zalaalam itti heerumuu hin dandeenyee fi sababa addaatiin kan fira isii ta’eedha. Dabalataan namni isiin hajjii wajji gootus nama ballage fi kan qalbiin isaa fayyaa ta’uu qaba. Ijoollee xixiqqoo ykn nama qalbiin fayyaa hin qabne wajjiin hajjii godhuunis hin ta’u.
Hajjii godhuudhaaf dubartiidhaaf maaf Mahramni barbaachise?
Firri dhihoodhaa akka isiidhaaf eegumsa godhu barbaadameeti. Harraan tana wantootni dubartoota dararan hedduutu jira. Kanaafuu akka hamtuun isii hin tuqne Rabbi isiidhaaf nama isii eegu godheef.
Biyyi nagaya ta’ee, dubartootni biroo isii waliin jiraatanii dirqama dhiirri isiidhaaf eegumsa godhu jiraachuun barbaachisaadha. Sababni isaa wayta sahaabtichi “Jaartiin tiyya hajjiif kaateerti” jedhe sanitti dubartiin biraa wajji jiraachuu ykn eenyuun wajji deemaa jirti jedhanii isa hin gaafanne. Jihaada dhiisee isii wajji akka hajjii godhu ajajan.
Namni gariin harraan tana xayyaaraan waan deemamuuf rakkoon isii hin mudatu jedhanii dubartii wayta kophaa gad lakkisan argina. Xayyaaraan deemuun akkuma deemsa kamiituu balaa qabaachuu danda’a. Namni xayyaara san keessa jiru kan isii dubbiin tuttuqu hin dhabamu. Xayyaaraa keessatti namni hedduun yeroo walitti bu’u argineerra.
Namni dhiiraa tokko dubartii takka fuudhee bakka xayyaaraa geessuu danda’a.kana booda dubartiin sun kophaa ofii taati. Namni firaa kan biraa ammoo bakka isiin buututti eegee simatuu danda’a. Haa ta’u malee Xayyaarri sun deemuu ykn hafuu danda’a. Deemsa erga jalqabeen booda rakkoon mudatee deebi’uu danda’a. Tarii sababa qilleensaatiin biyya biraa qubatuu danda’a. Akkasumas mahramni biyya kaanitti isii eegaa jiru sababa garagaraaf sa’aa dabarsee bakka isiin jirtu dhaquu danda’a. xayyaaruma keessattis namni dhiiraa isii bira taa’ee isii qaassuu danda’a. fitnaan bakka kanattis uumamuu dandeetti.
Walumaa galatti dubartiin takka mahrama isiitiin malee hajjii godhuun dhoorkaadha. Sunuu namni fayyaa qabuu fi kan ballage ta’uu qaba.
Sheikh Saalih Al Munajjid