header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

712: Dubartiin taaksii ajnabiin ofuun deemuu dandeettii?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Aniin kun dafqaan bulaa tokko. Mana kiyyarraa bakka fagoon dalaga. Haati manaa tiyyas taaksii fudhattee bakka dalagaa dhaqxi. Silaa anatu geessuu qabaa, rakkinatu akkas na godhe. Hojii kana keessatti isiin ajnabii wajji deemti. Rakkoon jirtii?

 

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii, rakkinni summii namaaf halaala hin godhu. Fayyaan dhabe jettee farshoollee dhuguu hin dandeessu. Nin miidhame fuudha hin danda’u jettee zinaa godhuu hin dnadeessu. Wanni haraam haraamuma. Rakkinni halaala namaaf hin godhu. Ammoo akka hukmii shari’aatti intalti dhalaa takka ajnabii fudhattee, isaan wajjiin deemuun dhoowwaadha.

 

Garuu taaksiin ati jettu, taaksii beekkamtuu tan mootummaa, kan dhaabbata shariikaa, tan nageenyi irraa eeggamu yoo ta’e, yeroon isiin deemtus yeroo aalamni wal keessa deemu yoo taate, In shaa ALLAAH homaa hin qabu.

 

Garuu ammoo irra fiinxeen, dandeettu takkaa ati geessitee fiduu. Takkaa ammoo ati yoo dandeettii qabaatte, isii manatti dhiisxee mana keessatti isii jiraachisuun irra gaarii waan Rabbiin jaalaturraayi. Akkasuma rakkataa cufa Rabbiin rakkoo haa baasu. Dhiiraas waajiba isarra jiru isa haa gargaaru, intalas ba’aa isiirra hin jirre isiirra hin kaayin.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa

 

Ergamaan Rabbii SAW “dhiirri tokko dubartii biraa wajjii mana tokko keessa kophaa hin taa’u, sadaffaan yoo sheeyxaana ta’e malee” jedhaniiru. Kun kan agarsiisu dhiiraa fi dubartiin ajnabii ta’an kutaa tokko keessatti fooyamanii kophaa taa’uu akka hin qabneedha.

 

Imalaan wal qabatee haalli garagaraa ibsameera. Ibn Umar (Rabbi irraa haa jaalatuu) Ergamaan Rabbii SAW dubartiin takka mahrama isii malee guyyaa sadih oliif imaltuu akka hin deemne” jechuu isaanii gabaaseera. (Sahiih Bukaarii 1086)

 

Dhiiraa fi dubartiin ajnabii ta’an kophaa bahuu hin qaban kan jedhurratti ulamaa’iin qajeelfama kaayaniiran. Kophaa ta’uu hin qaban yoo jedhamu, bakka namni hin arginetti dhokatanii taa’uu hin qaban jechuudha. Deemsa taaksiitiin wal qabatee ammoo taaksiin bakka namni jiru keessaan dabra. Fooddaan isaa kan ifatti waan jiru mul’isu ta’uu qaba. Yoo taaksiin sun dhokatee, bakka namni hin jirre keessa, dukkana keessa ka deemu yoo ta’e dhoorkaadha.

 

Harraan tana biyyoota guddatan keessatti taaksiiwwan dhaabbata tokko keessan hojjatan, eessaan akka deeman, eenyu akka oofu ni beekama. Namni maappii qabatee isaan hordofuu danda’a. kanaafuu teessoo duubaarra teettee bakka haajaa ofii dhaquu ni dnadeetti.

 

Dubartootni hawaasaaf tajaajila garagaraa kennu. Barsiistutu jira, dubartii doktoraatitu jira, eddoowwan halaala ta’an keessa dubartii hojjatutu jira. Dubartiin dalagaawwan isiif hayyamamaa ta’an keessa hojjachuu dandeessi. Tarii dubartoonni akkanaa kunniin sababa makiinaa dhabuutiinis ta’e sababa biraatiif waan ittiin deeman hin qaban ta’a. kanaafuu taaksii qabattee hawaasa keessa deemtee hawaasa muslimaa tajaajiluu ni dnadeetti.

 

Dr Muhammad Saalah, Dr Zaakir Naayik

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 718

Kanas dubbisi!

713: Dubartoonni jama’aan hajjii godhuu danda’anii?
705: Doktora dhiiraa harkatti dhaluun hayyamamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. Yero heduu isin hordoofa garu Kara gaafii dhiyeefadhun hin baree Telegiram kheessani jalati naf ibsa qopiin isin egaadha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button