header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

717: Aqiiqaa daa’imaa haadha moo abbaatu baasa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Ilma tokko qaba. Ilma kana aqiiqaan narra jirti moo Abbaa irra jirti?

 

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, Hunda dura wanni beekamuu qabu Aqiiqaan Waajibaa miti sunnaadha. kanaaf jecha aqiiqaa tana baasuun kallattii maraanuu abbaa ilaalti. Tahus atilleen tola abbaa mana keetitti Ooltee Yoo Aqiiqaa kana baafte homaa rakkoo hin qabu.

 

Dr. Liwaa”ulislaam

 

Fatwaa biyya alaa

Aqiiqaan sunnaa ykn waan jaalatamaadha. Namni waan kana hordofee dalage, nama sunnaa jiraachise waan ta’eef ajrii argata. Namni dalaguu hin feene ammoo badiin takkallee isarra hin jiru.

 

Ergamaan Rabbii Sallallaahu Alayhi Wasallam akkana jedhan, “Namni daa’imni isaaf dhalatee, daa’ima saniif waa wareeguu fedhe, haa wareegu. Dhiira yoo ta’e hoolaa lama intala yoo taate hoolaa takka.” Sunan Abu Daawud 2842. Albaaniin hadiisa Kanaan Hasan jedhe.

 

Ergamaan Rabbii Sallallaahu Alayhi Wasallam dhimmicha banaa godhanii dhiisan. Namni “wareeguu fedhe” jedhan. Dubbiin Kun, dalagaan kun jaalatamaa ta’uu agarsiisa. Dirqamaa miti.

 

Ergamaan Rabbii Sallallaahu Alayhi Wasallam hadiisicha keessatti qajeela abbaa tuqanii waan dubbataniif, abbaan osoo irraa baasee woyya. Kan irraa baafamus qabeenya abbaa irraa qofa ta’a. qabeenya haadhaa ykn kan daa’imaa tuquun hin ta’u.

 

Haa ta’u malee bakka abbaan hin dandeenyetti, ykn ammoo aqiiqaa godhuu hin fedhinitti, haati yoo feete irraa baastus rakkoo hin qabu.

 

Sheikh Saalih Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 6
Views: 1637

Kanas dubbisi!

709: Namni tokko osoo salaatarra jiru yoo fedhiin saalaa itti ka’ee, bishaan irraa yaa’e salaatni sun ni badaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button