header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

718: Qur’aana osoo hin qara’in salaanni ni tahaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Namni tokko osoo Qur’aana hin qara’in yoo salaata salaate, salaanni isaa sun akkami?

 

 

Deebisaa: Deebiin gaafii teetii yaa gabricha Rabbi! Rabbiin Qur’aana keessatti waan dandeettaniin qara’aa jedha. sababa qur’aana Qara’uu dhiifteef salaanni kee hin badu. Garuu faatihaan Arkaana salaataa keessa waan galtuuf jecha, faatihaa dhiifnaan salaanni kee bade.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

 

Deebisaa biyya alaa

 

Muslimoonni dhimma suuratul Faatihaa irratti xiyyeeffannaan hojjachuu qaban. Suuraa tana qomatti qabatuun haalaan barbaachisaadha. Sababni isaa Ergamaan Rabbii Sallallaahu Alayhi Wasallam, “Nama Faatihaa hin qara’iniif salaatni isaa hin jiru” jedhan. (Bukhaarii 756, Muslim 394)

 

Faatihaan arkaana salaataati. Qaama salaataa akkaan barbaachistuu taateedha. Imaama namaan salaataa jiru irrattis, nama imaama duubaan salaataa jiru irrattis, akkasumas nama kophaa salaataa jiru irrattis dirqama. Kanaafuu salaataaf jecha isii barachuun dirqama.

 

Sababa afaan beekuu dhabuutiin ykn ammoo reef islaamummatti seenuutiin namni qara’uun itti ulfaatu ni jira. Namni kun haga danda’een faatihaa barachaatuma salaata isaa tartiiba eegee salaata. Yoo humnaa ol itti ta’ee qara’uun ykn arraba qajeelfachuun itti ulfaate badiin irra hin jiru. Haa ta’u malee waan san sirreeffachuuf carraaquun isaa dirqama.

 

Sheikh Saalih Al Munajjid

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 598

Kanas dubbisi!

709: Namni tokko osoo salaatarra jiru yoo fedhiin saalaa itti ka’ee, bishaan irraa yaa’e salaatni sun ni badaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button