header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

719: Maallaqa nama biraa qabu irraa zakaa ni baasaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Kafiila kiyya biraa osoo mallaqa hin fudhatin kan waggaan irra naannawetu jira. Mallaqa kana irraa zakaa ni baasa moo akkam?

 

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbi, Waan harkaa hin qabne ta tiyya jettee hin abdanne irraa wanni zakaa baastuuf hin jiru. Garuu yoo kafiilli kee sun na biraa qabdaa siif ka amanu tahe, akkasuma atis biraa qabaa kan mirkaneeffattu yoo tahee fi mallaqni sun waggaan irra naannawe, kafiila keetiin narraa baasi jechuun dirqama keeti. Atilleen mallaqa san isa biraa qabaachuu kan kee kan beektu yoo ta’ee fi guyyaa barbaadde kan fudhatuu dandeettu yoo ta’e, mallaqa san achumatti dhiistee  maallaqa si bira jiru irraa Zakaa baasuun sirratti dirqama taha.

Dr. Liwaa’ulislaam

 

Fatwaa biyya alaa

Mallaqni kafiila biras haa ta’u bakka wahiitti walitti qabame, mallaqa kuufamaa jiruudha. Kanaafuu mallaqa kana guyyaa tokko fudhachuun isaa hin oolamu. Namni mallaqa akkanaa Kafiila biraa ta’ee, baankii keessatti walitti qabate, nama biratti dhiisee, mallaqa san guyyaa tokko ni fudha jedhee kan amanu yoo ta’e, zakaa irraa baasuun dirqama.

 

Shiekh Salih Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 287

Kanas dubbisi!

701: Mallaqa namni nama bira kaayate irraa zakaa akkamitti baasan?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. Baarakallaahufiikum maashaa Allaah baruumsa baay’ee isinirraa argachaa jirraa mee gaaffii tana naaf deebisaa.
    Yooniin namniniin ani bira dalage waan kiyya na dhowwate waan isaa irraa ykn qabeenya isaarraa waan hanga qixa kiyyaa yoon osoo inni hin beekin irraa fudhadhe akkamitti laalama?.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button