header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

12: Dhalaa Dhungachuun soomana balleessaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii:

Biyyarraa turee biyya dhaqe. Intalti takka muslimas haa taatuu, kiristaanas haa taatuu ajnabidhaa. Waan addaan turree walitti dhufneef akkuma aadaa biyya keenyaatti, natti fiigdee natti maramtee, dhungoo narra harkifte. Hogguu san Soomanan qabaa ture, soomanni kiyya sun bade moo hin badne?

 

Deebisaa:

Yaa gabiricha Rabbii ajNabii hogguu jennuu waa yahuudaaf nasaaraa jechuu miti. Intalli adeera keetillee, ta adaadaalleen, ta haboolleen ajNabi. Mallaa dhungachuun, harka fuudhuun dhoorka sirratti. Garuu waan fedhinnaan si keessa hin jirreen, hatantamaan wanni kun waan si mudatteef Rabbuma kee kadhadhu wamaa  sirratti hin jiruu. Garuu itti hin deebi’in. Namoota sanninillee barsiisuu qabda. Soomanni kee sirraa hin tuqamne In shaa ALLAAH. Yoo ammo ka dhungoo tana keessatti waa ka sirraa bahu taate wanni akka maniyyii sababa dhungachuudhaatiin soomanni kee bade. Yeroo sanitti yoo itti irkattee ykn waliin teettee waliin haasoftee bishaan qaldhaan mazhii jedhamu sirraa dhufe taate sun wudu’a ni balleessaa bikka si tuqellee ofirraa dhiqi.

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 1014

Kanas dubbisi!

13: Kijibaan Qur’aana Qabatanii Kakatuun akkami?
05: Qabrii Keessa Deemuufi Loon Keeysatti Tiysuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button