header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

05: Qabrii Keessa Deemuufi Loon Keeysatti Tiysuun akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Biyya takka takka keessatti horiin kun qabrii keessa oolaa akkasumas karaa keessa baafatanii irra deemanii; wanni akkanaa kun isilaamummaa keessatti akkami?

 

Deebisaa:
Yaa jara teenya, Nabiin keenya akki jedhan SAW, namni tokko eega du’ee yeroo awwaalamu ta’uu, eega awwaalamee ta’uu, kabajamuu qaba. Qabriin kabajamuu qabdi, karaan irra baafamuu hin qabu, horiinillee irratti tikfamuu hin qabu. Bikka jirtan hundattuu, mee naannoo takka warreen jirtan Rabbiif jecha walitti gumaanfadhaa qabrii teeysan dallaha itti ijaaraa. Hedduu qabrii keessaahu qabriin biyya Afrikaa keessa jirtu hedduu kabajaa dhabde. Sanbira kutaniii, Awuliyoota jedhanii hujubaa gurgurdaa tokko tokko ka achi keessa jiruuf walgahanii  akkasitti qabrii irra taa’an fa’atu jira. Qabriin kabajamuu qabdi ammo, tika horii osoo hin ta’in, akka daggala taatee achi keessatti badiin hin hojjatamneef muka irraa ciruuf citaa irraa haamuun, osoo gubbaa qabrii irra hin dhaabbanne wama takkallee hin qabu. Ammo keessa taa’uun, keessatti Rabbi kadhanna jechuun, keessatti horii tiysuun kabajaa qabrii irraa fuudhuudhaa.  Akkasumas, warren addunyaa irraa gale kana isaan miidhuudha.

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 342

Kanas dubbisi!

12: Dhalaa Dhungachuun soomana balleessaa?
03: Foon Ummanni Ahlal Kitaab qalan nuuf halaali moo haraami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button