header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

705: Doktora dhiiraa harkatti dhaluun hayyamamaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Akkuma beekkamu hospitaala hedduu keessatti dhiiraatu nama dhalchiisa. Dhiirti owraa dhalaa arkuun sun akkami?

 

 

Deebisaa: Dhiirti na hin dhalchiisin jedhanii ilmoo ciniimmuudhaan gad deemaa jirtu karatti qabuun hin ta’u. Rabbi qur’aana keessatti Suuratul baqaraa aayaa 195 irratti akkana jedha,

 

Harkuma keessaniin of hin dhabamsiisinaa

 

Dabalataan suuratunnisaa’ aayaa 29ffaa irratti akkana jedha,

 

Ammas lubbuu teessan hin ajjeesinaa, Rabbiin kan toltuu isiniif fedhu ta’e.

 

Lubbuu tee gaaga’ama irra geessuu Rabbi irraa si gaafata. Kana waan ta’eef bakka rakkoon jirtutti dhiirti nama dhalchiisuun dirqama. Abbaa fi ilma kiyyaan koottuu na dhalchiisiin hin taatu. Nama dhalchiisuun waan beekumsaan dalagamu malee waan ijaan dalagamuu miti.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa

 

Akka bu’uuraatti dubartii dubartiidhumatu yaala. Bakka dubartiin hin jirretti ammoo dhiiratu nama yaala. Akka ulamaa’iin irratti walii galanitti dhiira dhiiratu yaaluu qabaata. Dubartii ammoo dubartiitu yaaluu qabaata. Yoo haalli kun miijataa hin taanee tartiiba hordofamuu qabutu jira. Dubartii ciniinsifatte takka dubartiin muslimaa tan isii yaaluu dandeettu yoo hin jiraannee, dubartii Muslima hin ta’iniif carraan itti aanu kennama. Yoo dubartiin homaatuu hin jiraannee ammoo carraan itti aanu dhiira muslimaatiif kennama. Bakka kun hin jirretti dhiirri Muslima hin ta’inis dubartii gargaaruun rakkoo hin qabu.

 

Hawaasni Muslima dhimma kana irratti xiyyeeffannaa kennuu qabaata. Dubartoota muslimaa barsiifatuu irratti xiyyeeffannaa kennuun haalaan barbaachisa. Dubartoonni hedduun barachuun fayyaa fi kabaja dubartoota muslimaa eeguurratti faaydaa guddaa qaba. Gama Kanaan dhiirrinis heddummaatee baratuu qabaata. Baruumsaaf xiyyeeffannaan kennamu cimaa ta’uu qabaata. Baratuu dhabnee, rakkoo nurra gahuuf nama biraa itti gaafatamaa godhuu hin dandeenyu. Gama biraatiin dhiiras ta’e dubartoonni muslimaa baratanii fi dhaabbilee fayyaa keessa tajaajila kennan, yeroo dabaree sagantaa baafatuu qabaatan. Fakkeenyaaf dhaabbata fayyaa san keessa muslimoonni lama qofa yoo jiraatan, yeroo tokko seenuu hin qaban. Tokko dabaree tokko yoo dalage, tokko ammoo dabaree biraa irratti dalaguu qabaata. Kun dubartoota muslimaa yeroo garagaraa dhufan akka yaalan taasisa. Kunis kabajaa dubartoota muslimaa eeguudhaaf faaydaa guddaa qaba.

 

Sheikh Muhammad Saalih Al Munajjid

 

 

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 551

Kanas dubbisi!

712: Dubartiin taaksii ajnabiin ofuun deemuu dandeettii?
704: Dubartiin hoggaa jaarsi irraa du’e, guyyaa hagamiif gufufuu qabdi?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button