header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

74: Haadha na guddiste moo ta na deessetu haqa narraa qaba?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Ani haadha lamaan qaba, ta na dhalte osoo jirtuu ta biraa na guddifatte, eega biyyarraa bayee haati tiyya akka jirtuun dhagaye, duuba ammoo karaa nama kami jalladhee toltuu isaaf yaada?

 

Deebisaa: Yaa gabritti Rabbii haadha jechuun bar ta baatii sagal garatti si baadhattee dhaltee si guddiftee. Isiifii haadha buddeen walitti fiddee haadha lama qaba ufiin hin je’in. Tana bar nyaattee dhugdee udaantee fincaantee bira jiraataa turtee. Tuni garatti siin deemtee, si dhaltee haadha teetiifi ta biraa walitti hin qabin. Namni haqa sirraa qabu haadha teeti. Tuunillee haqa guddisaa qabdi. Akkuma Nabiin keenyallee ? Ummu Aymaniin haadha tiyya je’an, akkasumas Haliimatussa’diyyaan haadha tiyya je’an waan biratti guddataniif jecha. Haqni kabajaadhaa hin hafu, haqa sanillee ufirraa eegii haqni haadha teetii yoo sadi ta’e ta si guddifte lama ta’uu danda’a. Kanafuu hanga dandeesseen haqa jara lamaanituu eegi.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 111

Kanas dubbisi!

79: Obboleessi kiyya ka haadhaan garagaraa nikaaha naa hidhuu dandahaa?
71: Abbaa maqaan yaamuun ni dandayamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button