header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

47: Mana yataamaa seenanii nyaachuun akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Intala takka ta abbaan manaa irraa du’e ganda isaanii dhaqee akkuma aadaa godhametti waan dhuganiifi waan nyaatan naaf dhiheessite. San cufallee nin didee garuu buna dhuge. Waan yataamaa ni je’amaa?

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii hamtuu akkanatti ufirraa eeguun kankee waan Rabbiin jaalatu. Garuu wanni beekuu qabdu, Rabbiin Qur’aana keessatti horii yataamaa hin nyaatinaa hogguu je’u, dura horii akkamii akka tahe barachuu qabna. Yoo maallaqa tokko abbaan ijoollee tanaa si bira kaaye, takkaahuu haati ijoollee tanaa si bira keesse, takkaahuu ati ammoo adeera ijoollee tanaa taatee ooyruu isaanii dalaydee ufitti maxxansitee ufumaaf isaan tajaajilaa waan kana ka ufiin yaamtu taate, kun haraam calla. Sunillee namni nama tajaajilu tokko hoggaa beelawe subaaxa, faxara nyaachuun hukmii shariaatti humaa hin qabu. Tanaaf jecha shaayiifi bunni ati dhugde, wanni bilchaate ta siif kennan waan mana keessatii horii yataamaa hin je’amu. Saniif uf hin dhaammotin. Rabbiin sirraa haa jaalatu gaafii tanteetiif.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 95

Kanas dubbisi!

67: Aanaa kiyyarraa namni Zakaa haqa godhatu eenyu?
34: Gorora namaa dawoomaaf fayyadamuun ni dandayamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button