header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

70: Namni fuudhu nama wakkalachuu ni dandayaa?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Namni tokko intala takka fuudhuu fedhee abbaa intalaa bira dhaqee akkuma intalti abbaa isii wakkalattetti, inni hoo abbaa isaa wakkalachuu ni danda’aa?

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii waa hunda dura wanni beekuu qabdu intalti yoo umriin isiidhaa amata kudha shanii oli ta’e gurbaan kun siif ta’e moo hin taanee gaafatan malee abbaa hin wakkalattu. Wanni isiin abbaaf muldhiftu gurbaan kun naa ta’ee qofa malee si wakkaladhee miti. Naa ta’e jechuu hogguu beeksifte abbaa intalaa nikaaha godhuun dirqama irra kaayame. Gurbaan ammoo bakka fedhe jiraatee nikaaha isaaf qeebaluuf abbaa isaa wakkalachuu danda’a, adeera, obboleessa wakkalachuu danda’a, inumaa nama biraallee wakkalachuu danda’a waa takka rakkoon hin jirtu.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 144

Kanas dubbisi!

76: Dhalaan fuudhaaf gaafadhu cufti dubrummaa hin qabdu, maal gochuu qaba?
55: Ajaja jaarsa  kiyyaa diduu niin dandayaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button