header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

117: Soomanaan qodhaa godhe osoon hin soommanin Ramadaanni natti dhufee maaliin godha?

  • Home
  • Soomana
  • 117: Soomanaan qodhaa godhe osoon hin soommanin Ramadaanni natti dhufee maaliin godha?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Gaaf tokko Rabbii kiyyaaf jechaan qodhaa godhe. Yoo Rabbiin waan akkanaa muraada naaf guute baatii takka nin soommana je’eetiin qodhaa godhe. Hardha ammoo osoo waan san danda’ee ufirraa hin soommanin Ramadaanni natti dhufee akkam ta’uu naaf wayya?

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii soommana kee walitti dhaabdee ufirraa fixuun dirqamaa miti. Adda addaan suuta soommanuu ni dandeessa. Garuu sirratti dirqama akka ta’e beeki. Eega soommanni sitti dhufee soommana kee soommanadhuutii achi boodaan waan  qodhaa goote itti aansi. Yoo soommana ufirra keesse sun ka hin dandeenye taate ammoo Rabbiin sitti beekaa kaffaaraa yamiinaatti jijjiirii guyyaa kudhan nama kudhan nyaachisi. Yookiin nama kudhan uwwisi. Takkaa gabra bilisa baasi. Waa sadeen san yoo hindandeenye ka boodaa sanitti deebita guyyaa sadi jechu. Garuu baatii takkattii ufirratti goote walitti dhaabuun sirratti dirqii mitii hamma dandeessetti ufirraa fixi.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 197

Kanas dubbisi!

123: Namni soomana cabse maal godha?
109: Bishaan qaama saalaarraa bahu (Mazyiin) soomana ni miidhaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button